Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eegii ilmii Tirampi Hilarii Kilinton moo'uuf ergaa email Raashiyaa erge gadi baase asitti 'bulchinsa USA miilii jalatti hollachuutti jira’


Bitaa gama mirgaa Ilma Tiaampi angafaa fi Doonldi Tiraampi.Dorgommii filannoo pirez.New York Fulbaana 26,2016
Bitaa gama mirgaa Ilma Tiaampi angafaa fi Doonldi Tiraampi.Dorgommii filannoo pirez.New York Fulbaana 26,2016

Ilmii pirezidaanti Tiraampi angafii nama abbaa isa waan hedduun gargaaruun beekamu. Akka oduu media akka akkaatti gaafa dorgommii filannoo Amerikaallee duula filannoollee keessaa qooda guddaa qaba.

Bulchoota Raashiyaallee waliin akka Hilarii Kilinton ta Doonaldi Tiraampi waliin ganna dabre filannoo irratti dorgomtellee moo’achiisuuf isatti bulchota Raashiyaatiin wal mari’ate jedhan.

Jarii tun dhuguma jedhee fudhachuu baatullee ilmii isaa angafii Waxabajjii bara 2016 keessaa abbaa alanagaa addaa Raashiyaa fooqii Doonaldi Tiraampi New York Amerikaa jirtu keessatti walti dhufanii mala Hilariin moo’an wal dubbatan jedhan.

Ilmii Tiraampilleen ergaa email abbaa alangaa addaa Raashiyaa suniin walii ergan gadi baase.Ergaan email sun keessatti ilmii Tiraampii kun akka Hilari Kilinton maqaa balleessanii namii hedduun isii hin filanne tolchuuf bulchoota Raashiyaa gaafate.Waan walii galan kana guutuuf ammoo New York fooqii Tiraampi keessatti wal arguuf walti dhufan.

Tiraampi eegii ergaan email sun gadi baatee asitti waan silaa hojjatu hedduu dhiise waan median Amerikaa ilma isaatiin jedhu TV irraa daawwachuutti jiraa jedha MEDIA Amerikaa hedduun

Bulchiinsii Tiraampi ammoo caasaa fayyaa Amerikaan wayyeessuu fi karaa qaraxa Amerikaa diqqeessanii akka namii faaydaa argatu tolchuuf hujiitti jirra malee saatii TV daawwannuu hin qamnu jedha.

Sun duratti ammoo Tiraampi dubbiin tiyya qoftii maaniif oowwit? waan Hilari Kilinton tolchitee jalaa baate laala.Oduun akkanaa waan gara hin qamane! jedhee Tiwwter ufii irratti barreesse.

'Me laalaa ISIS baqachuutti jirtii diqqoo turree Siiriyaa fi Iraaqi keessaa axoomnee bafanaa daarii Amerika jabeessinee eegnee shiftaa nama saamtuu biyya keessaa balleessuutti jiraa,' jedhee dabalee barreesse.

Waan ilma isaatii fi bulchiinsa Tiraampiin himatan abbaa alangaa addaa itti filanii dharaa fi dhugaa isii qorachuutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG