Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Lammii Ameerikaa tokkotti Hidhaa Oggaa 10 Murte


Manni-murtii Iraan, hayyuu lammii Ameerikaa hidda-dhalata Chaayinaa tokko lootee-seentummaan himatee hodhaa waggaa kudhanii itti muree jira – jechuun, dubbi-himaan mana-murtii biyyattii kaleessa beeksisanii jiran.

Ministriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets battaluma mormii gama isaa dhageessise.

Kan umuriin soddomii-toorbaa Ziwaa Waang, lammii biyyoota lamaa – jechuun, ka Chaafyinaa fi Yunaayitid Isteets yoo tahu, maddi oduu murtii seeraa Iraan, kan internaatiin tamsaasamuu fi “MIIZAAN” – jedhamu beeksisetti waggaa tokko dura hidhame.

Itti-aanaa itti-gaafatamaan murtii seeraa Iraan, waa’ee dhimma nama kana hiisisee wanni dubbate baay’ee xiqqoo dha. “Namni kun humnoota tika-nagaatiin adda-baafamee qabame. Hidhaan waggoota kudhanii itti muramee jira” ka jedhu qofa.

Mootummana Iraan, himannaa dhimma nageenya biyyoolessaa akkanumatti uumamee sababaa godhachuun lammiwwan Ameerikaa fi lammiwwan ala aka biroo hidhuu itti fuftee jirti – ka jedhu – ministriin dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, akka Mr. Waang hatattamaan gad-lakkisamu gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG