Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan tapha kubbaa miilaa 'CONCACAF' irratti Jameeyikaa 2-1 mootee waancaallee irraa fudhattee galatteen--tanaan jaheeffachoo!


Gold Cup 2017 Final Soccer
Gold Cup 2017 Final Soccer

Confederation of North, Central American and Caribbean Association Footba (CONCACAF) maqaa dorgommii kubbaa miilaa Amerikaa biyyootii North America, Amerika gama Kaabaa,gama jidduu fi Karbiyaan gannuma gannaan waliin taphatan.

Dorgommii baranaa Adoolessaa 7 haga 26,2017 Amerikaa magaalaa akka akkaa keessatti tapahtan.

Biyya 12 tapahtee torbaan sadeen sun keesastti gooli 49 gale.Dorgommiin baranaa tun 14essoo.

Amerikaa fi Jameeyikaan kalee magaalaa Kaalifooriniyaa istaadiyoomii Leevii keessatti taphatanii eeguma taphii Amerikaatti moo'ee mootummaan galate.

Goolii qaraa gurbaa Amerikaaf dura taphatu Jozy Altidore- ti kubbaa adabbii argatee gara metirii 20 irraa dhiitee keessa buufate. Gurbaan Jameeyikaa Je-Vaughn Watson ammoo daqiiqaa 50essoo irratti keessaa buufatee 1-1 taate.

Eeguma taphii dhumachuu gahe gurbaan Amerikaa Morris Jordan ammoo daqiiqaa 88essoo irratti gooliitti cuqqaaltee Ameikaan 2-1 keessaa galte.

Amerikaan dorgommii CONCACAF GOLD CUP ta baranaa waliin marroo 6essoo moote.

Leenjisaan garee kubbaa miilaa Amerikaa Bruce Arena,gama kanaan Amerikaan durumattiin deemuutti jira.

Eegii hujii tana isatti kennanii marroo 13 moo’ee.Amerikaan qalbuma tanaan dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Raashiyaa bara 2018 keessa taphatanilleef deemti yo milkoofte.

USMNT,maqaa garee kubbaa miilaa biyyoolessa Amerikaati.Leenjisaan isaanii ijoollee haaraa dabalaa,mala tapha haaraa itti jijjiiraa dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFA-n Raashiyaatti qopheessuuf dabruuf falachuutti jirti.

Hagasitti ammoo akka itti Jameeyikaan mootee waancaa CONCACF qalbuma suniin dorgommii itti aantuu qophoofti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG