Xurree ittiin seenan

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp har’a Russia irra uggura haaraa ka’anii jiru.Seerri ammaan dura mallatteesse ture sirrii kan hin taanee fi heeraan ala ta’uun isaa ifatti kan mul’atu ture jedhan.

Uggurri ka’amee kunis Raashiyaan filannoo prezidaantummaa Amerikaa kan bara darbe gidduu seenuun Traamp akka filatamee Waayit Hawuus seenu goote kan jedhame irratti ture.Garu Traamp kan Kongreesiin Amerikss caalmaa sagalee raggaasisee kana mormaa turan.

Garu manni maree Kongreesaa lameenuu sagalaa guddaan tarkaanfii kanaaf sagalee deggersaa kennan.Kun immoo Traamp sagalee qabaniin yoo kuffisan ykn mallatteessuu yoo diidan balaa itti fiduu maluu akka ofii isaanii dhunfaatti keessa ba’aniif saaxile.Traamp mormii qabadhuus ittiin buluun qaba jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG