Xurree ittiin seenan

“Mootummaan  Venizu’eelaa Itti Gaafatamaa Dha” Prezidaant Traamp

  • VOA

Sagalee uummanni venizueelaa Dilbata darbee kenne yoo xiqqaate sagalee nama miliyoona tokkoon dogogorfamuu kaampaaniin meeshaa Eleektroonikis kan sagalee uummataa lakaa’uu dhiyeesse hubachisee jira.

Filannoo dhiyeenya kana gaggeeffame shakkii tokko malee dogoggorfamuu isaa beekana jechuun itti gaafatamaan kaampaanii kun tuuta oduuf har’a Landan keessatti ibsan.

Lakkoofsii namoota dhugumaan filannoo kana irratti hirmaatanii fi kanneen aangawoonni labsan gidduu yoo xiqqaate miliyoona tokkoon adda addummaa qaba.

Venezuelaa keessatti hogganoonni mormituu lama polisii biyyattiin walakeessaa halkanii qabamanii hidhamuu isaaniif akkasumas fayyaa fi nageenya isaanii kan ilaaleen prezidaantii biyyattiitu itti gaafatamaa dha jedhan Prezidaant Donald Traamp.

Mootummaan Irree waraanaa kan Maduroo gocha rawwate kana Yunaaytid Isteetes ni balaaleeffatti jechuun prezidaant Traamp kibxata kaleessaa galgala ibsa baasan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG