Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaadii Seera Immigreshinii Labsamuuf Deema


Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Donald Traamp yaada seeraa dhiyaate kan waa’ee immigreeshinii seenataroota Ripaablikaanootaa LMA waliin har’a labsuuf jiru.

GAra jalqaba waggaa kanaatti Senator Tom Koton fi Devid Pedue seera immigreeshinii kan silaa karaa seeraa namoota Miliyoona tokko gara Amerikaatti simatu walakkaatti gad cabsuu kan jedhu dhiyeessanii turan.

Seerri kun lakkoofsa maatii godaantootaa hanqisuu , carraa Diivii Lotarii cufuu akkasumas deemsa ehama Amerikaa keessa ittiin jiraatan kan Griin Kaard jedhamu argachuu rakkisaa taasisuu kan jedhu of keessaa qaba.

Seera kana irratti dubbachuuf prez Traamp senataroota lameen waliin yeroo lama wal arganii jiru. Kunis seera immigreeshinii Amerikaa foyyeessuuf karoora lafa ka’an fixaan baasuuf gargaara jedhama

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG