Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattonni Al-Shabaab Somaaliyaa Keessatti Magaala Tokko Deebisanii Qabatan


Magaalaa tarsimoo qabeettii kan magaalaa galama mootummaa Somaaliyaa Moqaadishoo kutaalee biyyatti gama dhiyaa wal agarsiiftu hidhattonni al-shabaab deebisanii to’atanii jiru.Moqadishoo irraa fageenya kilo0 meetra 120 irratti kan argamtu Leegoo keessa kanneen jiraatan akka jedhanti hidhattonni Jimaata har’a ganama magaalatti seenanii qabatan.

Kunis humnootiin Ugaandaa kanneen achii keessa qubatanii turan guutuummaatti gadhisanii eega ba’anii booda. Jiraattonni akka jedhanti miseensoota humnootii nageenya eegsiisan kan gamtaa Afrikaa (AMISOM) ka ta’an humnootiin Ugaandaa kun kamiisa kaleessaa jalqabee meeshaa waraanaa fi qabeenya dhunfaan qaban kokolaataa waraanaatti fe’aa akka turan akkasumas Jimaata har’a ganamaan magaalatti gadhisanii ba’an.

Kun immoo hidhattonni al-shabaab deebi’anii seenuun akka magaalatti qabatan karaa saaqe.Bulchaan kutaa shabalee isa gad aanuu Ibraahiim Najah magaalaan Leegoo harka hidhattoota al-shabaab seenuu VOAf mirkaneessanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG