Xurree ittiin seenan

Itoophiyaatti bulchoota mootummaa fi abbooti daldalaa walin nama 50 oli malaa maltummaan himatan ABO garuu kun mala umriin dheerefan jedha

  • Eskindir Firewu

Mana murtii walii gala Itoophiyaa(Faayila)

Dhiyoo tana keessaa mootummaa nama hedduu waan akkanaa kanaan himatee shakkiin hidhuutit jira.

Paarlaamaan Itoophiyaa boqonnaa jirullee boqonnaa irraa yaamanii mari’achisan.Obboo Alemaayyoo Gujoo “Gocham malaamamtuu guddaa waan raawwatanifi tohannaa jala oolan,” jedhan.

Kaampaanii biya alkaa tokko dooalra mliyoon 21 cala caalbaasii baasuu ka ufillee faaydaa keessaa qabu moohachiise jedhani himatan.

Obboo Alemaayyoon Paarlaamaa Itoophiyaatti ministera deettaa dinagdee fi maallaqaati.ABOn ammoo hidhaan mootummaa Itoophiyaa kun waan bara ufiitiin dheereffatuu jedha.

Akka dubbii himaan ABO obboo Toleeraa Adabaa jedhutti kun rakko sirmaati.,Sirnichattu malaammatu dursaa jria.Namoota murasaa keessaa hidhuun fala hin tahu.

Akka ummatii qabsoo hin jabeeffannee gochuuf kana godhu jedha ABOn.Isa malaammaltummaa beekaman ka horii miliyoonaa fi biliyoona saamee biyya alaatti baafate dhiisanii kaan hidhan jedha dabalee ibsii.

Mootmmaan kun malaammaltummaa jedhee lubbaa isaa ittin dheereffachuuf kan ittiin fakkeessuu jedha ibsii ABO.

“Keessttu kanneen irreecha irratti ifatti ajjeechaa raawwatan kanneen akka itti gaafatamaa tikaa,hajajoota waranaam warra takraafii fudhachaa turan hunda irratti tarkaanfiin fudhatame tokkooyyuu hin jiru.Fkn ajjeechaa waggaa darbe irreecha irratti raawwate addunya hudnatti balaallfeate.Qaamni walaba haa qoratuu jedhamus mootummaa isa dhiisee ummatuma gaafatama tolcha,”jedha.

Jara himatan keessaa kan biraa Itti gaafatamaa abbaa taayitaa daandii Itoophiyaa ka durii obboo Zaayaada W/Gebreheel isa ammoo “malaammaltummaa guddaan shakkam” jedhanii tohannaa jala jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG