Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawwii Waaqoo intala ganna 26ti barumsa PhD barachuutti jirtii sagantaa dubraan gargartu ‘Obboleettii’ yayyabdee hujiittiin jirti


Hawwii Waaqoo intala Oromoo barumasatti jabaattee PhD barachuutti jirtu
Hawwii Waaqoo intala Oromoo barumasatti jabaattee PhD barachuutti jirtu

Hawwiin Waaqoo sagantaa ijoollee dabra Oromootiin gargaartu ,OBBOLEETTII ganna dabre jalqabde
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:01 0:00

Hawwiin intala obboo Mohaammad Waaqoo Waarituuti. Ammaan tana yuniveristii Michigan State University godina Michigan jirtu keessatti barumsa doktorummaa PhD barachuutti jirti.

Bara 2011 keessaa sadarkaa lammeeessoo fixxee Itoophiyaa Oromiyaa dhaxxe.Adoo deemtuu intala ceetu tokko arge jetti.

Hawwii Waaqoo intala Oromoo ganna 26 barumasatti jabaattee PhD barachuutti jirtu
Hawwii Waaqoo intala Oromoo ganna 26 barumasatti jabaattee PhD barachuutti jirtu

​"Mucayyoon tun maan taate jennaan hin maraattee naan jedhani. San irratti ammoo obboleessii adaadaa tiyya yaadii itti baayyatee ufi ajjeesee san irraa kahee namii maaliif maraata jedhe barumsa herrega mataa[psychology] qoratu baradhee,” jetti.

Hawwiin barumsii herrega mataa namaa qoratu kun waan tokko irraa kahee qalbii isii bute.

“Biyya deemee yeroo sun rakkob aayee arge.Nama baayyee mataan dhukkubu arge.Mucatti wayii asumaa achi fiigdu arge maal taatee yoo jedhu hin maraattee jedhan,Sana irraa yaadu jalqabee jetti.”

Tanumaaf jettee barumsa isii cufa woma herrega mataa namaa baratte, Hawwiin.

Digrii qaraa yunivertii Oregon State university fixxe barumsa herrega mataa ykn Psychology baratte.Digrii lammeessoollee barumsa dhiba mataa namaa irraa dhowwuu ykn prevention psychology itti daratteebaratte.Barumsa doktummaa herregaa PhD ammoo barumsa herrega mataa namaa irratti nama gorsu prevention science baratte.

“Maatiin tiyya barumsa doktorummaa baradhii naan jedhan ani ammoo hin fedhuu jedhe.Kama ufi jaaladhee nama gargaaruu danda jedhe filadhe,”jetti.

Akka Hawwiin jettutti namii waan qalbiin isaa feetu barachuu baannaan bu’aa hin buusu “hujii irratti si dhiba,” jetti

Namii maaniif mana taahee yaada jedhee yaadee jette Hawwiin. “Namii ufi irrati hin beeku ,malee waan hedduutti isa dhiba.”.

Hawwiin bara 2011 keessa sadarkaa lammeessoo fixxee yuniversitii seentellee carraa barumsa nama barumsa irratti qabxii guddoo fidee kennanii tolaan barsiisan scholarship argattee baratte.

Digrii lammeessoo qofa irratti beesee ufii baaftee qorannoo hojjachaa baratte.Barumsa PhD ammoo qorannoo hojjachaa yuniveritiin Michigan State University tolaan isii barsiise.

“Torbaanti saatii 10 hojjadhaa yoo barumsii natti ulfaatu warra kiyyaa bilbilee gargaarsa gaafadha.Gargaarsa horii adoo hin tahin akka yaadaan na jajjabeessan gaafadhaa,”jetti.

Hawwiin ufi bira dabartee amma ijoollee dubraa Oromoo sadrkaa lammeessoo haga sadarkaa olaanaa jiran gargaaruu caasaa barumsaa ‘Obboleettii’ jedhu ganna dabre keessa yayyabde.

“Akka ijoollene Oromoo carraa baranoota sadarkaa olanaaa argatan, barmumsa isaanii guddifachuu dandahan tolaan gargaarra.Sun caalaatti akka isaan yoo sadarkaa olaanaa fixanillee wal gargaaran golchuuf.”

Tana caalaatti ammoo akka isaan hujii isaanii jabeeffatanii sadarkaa lammeesoo haga sadrkaa olaanaatti dabaranii haga bulchiinsa gahanitti ufi dandahanii ummataaf qabsaahanii aadaa isaaniillee guddisan gochuuf gargaaruuf Obboleettii yayyabde.

Hawwiin nama barachuu fedhu waan tokko gorsiti “wannii nama dhibaa hin jirtii yoo barumsa barattu jaalatte itti jabaadhii ittuma dedeebi’i,”jetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG