Bubbee fi hobomboleetiin addunyaa tanaa yoo hedduu garbaa fi galaanaa irraa dhufti.Bubbeen hobomboleetiin garba irraa dhuftu toltu bokkaan dhufti tahuu baannaan ammoo badiin dhufti.
Ammitii yoo bubbeen garba Atlaantik gama Kaabaa irraa bubbiftu.Biyyoota naannoo sun jiran irraa bubbifti.
Waxabajjii 1 haga Sadaasaa 30 saatii hobomboleetii Atlaantik gama Kaabaa irraa dhuftu.
Kaaribiyaan gama Bahaatii fi godina Amerikaa afaan garbaa fi galaana jala qubataniif ammoo saatii hobomboleetiin itti jabaattu Hagayyaa haga Fulbaanaa keessaa jabaatti.
Hobomboleetiin garba Atlaantik irraa dhufte ta amma tun ammoo bubbee taatee laaftee bubbisaa Meksikoo gama Bahaatti dabarte.
Bubbeen baranaa Firaankiliin jedhan tun akka qara jalqabdeen jabduu tahuu baattullee ammallee bubbuma waan hedduu sodaataniis saatii 110 utaalti.