Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Hookkara Kutaa VA Keessaaf Cimsanii Deebii Kennuu Dhabuun Qeeqaman


Prezidaant Doonaald Traamp haleellaa ol aantummaa warra adii kanneen Charlottesville VA keessatti hiriira “Unite the Right” jedhuun geggeessame irratti raawwatame fudhatama dhabsiisuu dhabuu isaaniitn gareelee siyaasa guutummaa US biraa qeeqa hamaan irra ga’ee jira. Haleellaan sun lubbuu namaa galaafate.

Prezidaantichi kan haal suukaneessaa jibbiinsaa, kanneen yaada adda addaa qaban gidduutti walii obsi dhabamuu balaaleffachuu dubbatan. Yaadi isaanii kun kan dhaga’ame Sanbata darbe konkolaataan hiriirtota mormii ba’anitti oofamuu dhaan kan umuriin waggaa 32 jiraattuu Charlottesville Heather Heyer galaafatee kanneen biroo 19 madeessee sa’aatilee hanga tokko booda.

Haala sukaneessaa kan jibbiinsa mul’isu, walii obsuu dhabuu fi hookkara bifa addaan raawwatame kana jecha cimaan balaaleffanna jedhan Traamp.

Haa ta’u malee Traamp garee leellistootaa kanneen mormii Sambata darbee qindeessan kan irra hedduun isaanii deggertoota isaanii siyaasaa mul’inatti sab xiqqaalee sanyii biraa, Juushotaa fi dubartoota gad aantummaan ilaalan kallattii dhaan hin balaaleffanne.

Itti aanaa prezidaant Mike pence ennaa dilbata kaleessaa Columbia daawwatanitti Traampiif looganii jran.

Itti aanaa prezidaant Mike pences akka jedhanitti sabaa himaan kanneen hookkara kana kakaasan irratti utuu hin taane sabaa himaaleen prezidaanticha qeequu irratti fuuleffatan jedhan. kanaaf dhimmi isaa kan ilaallatu waliin wal qabsiisuu qabna jedhan.

Kanneen haleellaa raawwatameen miidhaan irra ga’e dilbata kaleessaa Charlottesville VA keessatti sirni dungoo qabsiisuu geggeessamuun kabajaan yaadatamaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:48 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG