Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muktaar Idriisii fi Yoomiif Qajeelchaa waluma irraa fuudhanii Moo Faaraa buffisiisaanii Shaampiyoonaa London irratti moo’an


Muktaarii fi Yoomiifitti akkana Moo Faaraa dorgommii metirii 5,000 irratti dadhabsiisa
Muktaarii fi Yoomiifitti akkana Moo Faaraa dorgommii metirii 5,000 irratti dadhabsiisa
Muktaar Idriisii fi Yoomiif Qajeelchaa gussuma gussanii Moo Faaraa fiigicha m5000 irratti cinaacha lafaan gahan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:27 0:00

Shaampiyyonaa Atileetiksii Addunyaa ka baranaa 16essoo atileetotii addunyaa 3,000 tahan torbaan lamaan irratti wal dorgomaa bahan kalee dhumate.

Amerikaan dorgommii tana irratti madaaliyaa 30 haratte.Keenyaan medaaliyaa 11 kana keessaa warqiin 5n galatte.Afrikaan Kibbaa sadeessoo warqii 3 walumattu medaaliyaa 6 argatte.

Itoophiyaan torbeessoo baate.Warqii 2 walumattuu medaaliyaa 5 moote. Warqii lamaan tana Almaaz Ayyaanaatti metirii 10,000 irra moo’ee,Muktaar Idriis ammoo metirii 5000 irratti Moo Faaraa moo’ee fudhate.Yoomiif ammoo dorgommii tana irratti abreessoo bahe.

Moo Faaraa nama bara hedduu dorgommii metirii 5,000 tana qabaadhachaa bahe

Muktaaritti Moo dorgommii metirii 5000 irratti moo'ee lafatti jajjabeessa
Muktaaritti Moo dorgommii metirii 5000 irratti moo'ee lafatti jajjabeessa

Yoomii fi Qajeelchaatii fi Muktaar Idriis Moo laaffisanii, buffisiisanii moo’an. Yoomiif Moo Faaraa gussuma gussee jalumatti maxxanee,eegee ammoo Muktaaritti kenne.

Yoomif silaa ufiifuu moohuu hin dandaha maaniif dhiise re jennee gaafannaan kun mala dorgommiitti jedhe atileeti Ashebir Demisee damee Federeshiinii atileetiksii Itoophiyaa keessaa.

Akkuma kanaan dorgommii sun irratti Muktaar tokkeessoo,Moon lammeessoo, sadeessoo atieetii Amerikaa Paul Chelimoo Yoomiif ammoo abreessoo sadeessoo tahe.Mohamed Muktar Jama Farah nama ganna 34ti. Dhalootaan Soomalee amma ammoo lammii Biritishiiti.

Abbaa ijoolleeti.Dorgommii amma ya ufi irraa dhiise. Dhuma irratti moohamullee waan bara hedduuu moohachaa bahe mi’eeffachaa jireenna itti aanutti dabraa jedhe.

Muktaarii fi Yoomiif ammoo baallii Moo irraa fuudhan tanaan jireennaa fi dorgommii itti aanutti dabran.Yoomiif gurbaa ganna 20ti Muktaar Idriis ammoo nama ganna 23ti.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa gosa ispoortii hedduutiin torbaa lamaaf London keessatti dorgomaa bahan.

Biyya 100 olitti irratti wal dorgomee biyyitii kubbaa miilaatiin addunyaa keessaa faarsan Biraazil madaaliyaa tokko qofaan keessaa galte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG