Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa fi Kooriyaan Kibbaa waraana waliin leenjifachuutti jiran Kooriyaan Kaabaa ammoo tun lola barbaada haaloo baanaa jetti


Xuyyuura waraana Kooriyaa Kibbaa Surion jedhanitti leenjii waraana US waliin qaban irratti akka qaanxee ibiddaa gadi harcaasa.Fulaan tun Pocheon jedhanii,daarii Kooriyaa Kaabaa irra.
Hagayya 28, 2015.
Xuyyuura waraana Kooriyaa Kibbaa Surion jedhanitti leenjii waraana US waliin qaban irratti akka qaanxee ibiddaa gadi harcaasa.Fulaan tun Pocheon jedhanii,daarii Kooriyaa Kaabaa irra. Hagayya 28, 2015.

Kooriyaa Kaabaatii fi Amerikaan gannuma gannaan waraana waliin leejifatan.

Waraana kana bisaan gubbaa fi jalatti, gaaraa fi gammoojjii keessatti,qilleensaa fi waan akka irratti wal leenjisan.

Leenjii waraanaa mi’aa waranaa maq-malee akka akkaatin wal leenjisan tana kalee jalqabanii guyyaa 10 turti.

Taankii,xuyyuura waraanaa fi waan hedduutti leejiii tanatti jira.

Leenjii waraana tana waraana Kooriyaa Kibbaa 50,000 fi ka Amerikaa 17,000 itti jira gabaasii akka akkaa.Fulaan akkana itti wal leejisan tun lafa cittuu Kooriyaa lamaan jidduu jirtu.

Kooriyaan Kaabaa Amerikaa fi Kooriyaan Kibbaa waraana barbaadaa fi mootummaa isii gara galchuuf waraana leejifatan jetti.

“Dubbii barbaada akkanaa tana garaa naasuu hin qamneen haaloo baanaa,” jetti Kooriyaan Kaabaa.

Amerikaan ammoo isii fi biyya isii gargaartu humna jabeessuuf waraana leenjifnaaf jetti.

Kooriyaa Kaabaatii fi ta Kibbaa durii biyya tokkoo waraana addunyaa lammeessootti bara 1945 keessa gargar kute.

Kooriyaan Kaabaa eeguma ufi argiteeyyuu maatiitti walii dhaalaa bulchuutti jirti.

Kooriyaan Kibbaa ammoo biyya Amerikaan walii jaalaa demokiraasiin bultu.

Kooriyaan Kaabaa nukileera waraanaa hamaa qabdii tanumaan halkanii fi guyyaa addunyaa doorsifiti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG