Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantiin Angoolaa,jaarsii ganna 74 akkuma tahu tahee ya ufumaa hujii irraa bu’ee biyyitilleen filannootti jirti


ANGOLA-ELECTION
ANGOLA-ELECTION

Angoolaan Afrikaan gama Kibbaatiin qubatti nama miliyoona 29ti keessa jiraata. Addunyaa keessatti gaarren akka barcumaa wal irra tataa’an,qilleensa urgaa’aa,bisaan calkii fi zayitiin badhaate.

Biyya tana ganna 38 caalaa Jose Eduardo Dos Santositti bulchaa bahe.Duruu ufumaan kaardii filannoo ufii buusa

Dos Santos amma jaarsa ganna 74ti.Ufumaan hujii irraa bu’ee hardha nama egerii pirezidaanti taha jedheef kaardii filannoo buuse.

Dos Saantos ganama saati sadiitti buufata filannoo mana barumsa sadarkaa tokkeessoo keessatti kaardii buusee abbaa filu file.

Deeggartoota paarti mootummaa Angoolaa MPLA faatti akkana duula filannootti baha
Deeggartoota paarti mootummaa Angoolaa MPLA faatti akkana duula filannootti baha

"Kunoo anin jara keenna gargaaruuf arma jiraa paartii teenna MPLA-f qabsaahuutti jiraa” jechaa gumii isa eeguutti jirtutti gadi bahe.

Namii kun ebelu fila jedhee afaan guutatee dubbachuu baatullee ministera ittisa waraanaa isaa Joao Lourenco filuutti jiraachuu hin oolu jedhan.

Akka amma jiru kanatti paartuma Dos Antos MPLA faatti ammallee Angoolaa bulchuuf deemaa fakkaata.

Biyyitii midhaaguma itti yaahan tun adoo qabdu hiyyoomte.Horiin isii kasaaree womaa hin bituuf,nama hedduutti hujii hin qamne.

Pirezidaantiin isii Dos Santos nama horii ummataa nyaatee fuce ijoolleen isaalleen horuma kana nyaattee afaaniti haqate dhaabbilee mootummaa hedduu bulchuutti jirti.

Namii Angoolaan ammoo huji dhabuu qofaa mitii waan namii silaa akka namaatti argachuu male hedduu hin qamne.

Namii akka Esperanca Francisco Domingos faatii warra jireennii garaa hammaate.

"Haga dhaladhee ufi argeeyyuu hardha bahee nama filadhe, faaydaa isiituu hin beeku. Hardha ammoo jijjiirama fedha,naminuu tanuma jechuutti jirallee.Barii hinuma dabraa nu ammoo achuma jirraa jireenna hin qamnu jetti.”

Adolof Macuanga nama ganna 65ti. Maatiin pirezidaantii badhaadhee quufaa bulaa biyyitii ammoo beelaan garaa hooqachaa bulti waan akkanaa hambisuuf yaanaa jedha.

"Ilmii isaa doolara 5,000 baasee Londonii saati bitate.Nu warrii lafaaf jedhee dhume maan taana? Waan taanuu hin qamnuu womaallee hin qamnuu jedha.”

Paartileen siyaasaa jahaan akka biyya tana itti bulchuu dandahan irratti waan hedduu wal dubatan.

Minsieteri ittisa waraanaa amma filamuu dandahaa jedhan kun ammoo jireenna biyya sunii wayyeessuuf waadaa gale.

Paartiin mormituu UNITA-n ammoo yoo filamte horii ummataa badii dhowwuuf kakatte.

Namii Angoolaan hedduun ammoo dubbii akkasitti hin laalu.Ganna hagana gahu keesatti bahanii filachuunuu milkii tokko jedha Joao Malungo namii ganna 52.


"Filannoo abdiin eegatan.Bahanii filachuunu waan tokko.”Akka bulchoootii jedhanitti nama Angoolaa bulchuuf filan boriiyyuu hin beekan.

Angoolaa tana durii Poortugaalitti bitee bara 1576 keessaa teessoo mootummaa isii Luhaandaa nyaapha irraa dhowwa jettee dallaa itti jaarte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG