Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaardii filannoo pirezidaantummaa Angoolaa heduutti jiranii paartiin biyya bulchitu MPLA-n ya moone jettee qaata labsatte.


Filannoo pirezidaantummaa Angoolaa
Filannoo pirezidaantummaa Angoolaa

Filannoo pirezidaantummaa Angoolaa kalee jalaban haga ammaa kaardii miliyoona 5 caalaa lakkahanii paartii biyya bulchitutti moohannaa lambaste.

Akkana jechuun ministera itisa waraana biyya suniiitti biyya bulcha jechuu. Biyyitii tun eegii pirezidaantiin isii ganna 38 biyya bulchaa bahe Jose Eduardo dos Santos hujii irraa buheen duuba kalee filannootti faaqqifte.

Akka bulchootii filannoo Angoolaa jedhanitti paartii biyya bulchitu MPLA-ti kaardii haga amma lakkahaniin harka 64 argate.

Akka warrii dabaa fi qajeeluma filannoo tanaa laaluuf dhufe jedhetti filanmnoon tun qabbanittii fi ta adabumaan deemuutti jirti.

Paartileen mormituu UNITA fi CASA-CE filannoon jalqabmumaayyuu akka dansaa hin deemne jedhan.

Angoolaan biyya Afrikaa gama Kibbaatiin qubattu,gaarreen akka barcumaa wal irra tahaan,qilleensa urgaahoo,bisaan calkii namii daawii fi daakuuf itti yaahu qabaachuun beekamtu.Qabeennii isii guddaan ammoo zaytii.

Pirezidaantiin isii jaarsii ganna 74 dhiyoo tana hujii irraa bu’e,Dos Antos bulchoota mata jajjaboo addunyaanuu beettu keessaa tokko.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG