Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan horii Masriin qargaartu keessaa doolarii haga miliyoona 100 irraa kutatte


Pirezidaanti Masrii Al-Fattaa fi ka Amerikaa Tiraampi
Pirezidaanti Masrii Al-Fattaa fi ka Amerikaa Tiraampi

Amerikaan biyya Masrii tana waan hedduuf abdatti.Nagaa biyya jidduu gala bahaa tana karaa isiitiin falatti.Hariyyoomallee tanumaan abdatti.Gannatti doolara biliyoona hedduu gargaarsaan kennitiif.

Fakkeennaa bara pirezidaanti Obaamaan keessaa gargaarsii Amerikaan akka Masriin waraana leenjifattuu fi ufiin gargaartu kenniteef doolara biliyoona 1 miliyoona 300ti.

Amalaa fi adaba isii laalanii gargaarsa kana dabalanii fi ykn irraa kutan. Hariyummaan Amerikaatii fi Masrii waan laafuutti jirtu fakkaatti.Bulchootii Amerikaa Masriin mirga nama isii eeguutti hin jirtuuf jettee horii kana irraa kutte.

Gargaasii kun ka silaa jireenna biyya sunii wayyeessuu fi waraana isiillee humna jabeessuuf kennan.

Ka irraa kutte malee gargaarsa doolara miliyoona 200 tahullee ammaaf irraa dhaabde.

Akka bulchoota mootummaa Amerikaa keessaa ka maqaa himachuu hin fedhin tokko jedhetti,Amerikaan akka Masriin mirga ummataa isii ulfeessituu fi dhaabbilee mootummaa hin tahin achi jiran ummata gargaaranillee hujii isaaniitti gufuu hin taane feeti.

Bulchiinsii Masrii ammoo kun herrega qajeelaa hin tahin ganna kurnya hedduu biyya tana lamaan dhibaa bahe jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG