Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaatti bulchaan Marsabeeti dhiyoo filan Mohaammud Alii Abshiroo godina kana gama heddun guddisuuf kakate


Keenyatti bulchiinsii Marsabeeti haarahii godina isaa rakkoo baasee ummata malkaa dabarsuuf kakatee
Keenyatti bulchiinsii Marsabeeti haarahii godina isaa rakkoo baasee ummata malkaa dabarsuuf kakatee

Keenyaatti bulchaa godina Marsabeeti aabba Mohaammad Alii--Abshiroo
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:27 0:00

Marsabeeti godina Keenyaa 47n keessaa tokko.Isiyolloo fi Marsabeeti godina namii keenna itti heddatu lamaan keessaa tokko.

Laftii tun lafa qilleensa oowwaa, Dhaadha Calbii (Chalbi Desert) qabdi.Diida bal’aa akkana sirbaniif Diida Galgaluu,biyyee wayaama,gaarren Saakuu fa qabaachuun beekamti.

Bali’anna lafaatiin ammoo godina cufa keessaa tokkeessoo.

Isiyolloollee woma akkanaa kanaan beekan.Namii akka Dabbasoo Waabeeraa duula bilisummaa Keenyaa keessatti waan hedduun faarsanii karaallee maqaa isaatiin baasan nama lafa suniiti.Haaji Galma Diidoo ammoo namuma jabeenna akkanaa kanaaf haga hardhaallee waan hedduu biyyaaf tahe jedhanii faarsan.

Lafa tanaan resort city jedhan,afaan galaanaa qubattii nama hedduu daawwii itti dhufa ‘Bisaan Maanyaa’ lafa tanatti dhiuyaatan.Midhaan biyyee Isiyolloo irra buusan hinuma biqilan malee hin badii jedhaniin.

Aabba Mohaammud Alii amma godina Marsabeeti bulchuuf filame kun woma gaafa filannoo dorgomu isanii hojjadhaa jedhee isanii tolchaa jedha.Akka namii gama akimiitiin, gama, gama barumsaatiin,gama diangeetiin fi bisaaniilleen rakkoo keessaa bahu hojjachuuf waadaa gale.

Marsabeeti haga guddaan warra horiitti keessa qubata.Aabba Mohaammad lafa akka Mooyyalee fi Saakuu faatti bisaan baasee biyya malkaa dabarsuuf kakate.

“Qabeennii ya dhufee bisaan kana kennuuf qaba.Bisaan fulaa hedduutti uraaf.”

Manneen akimii fi qorsa hin qamnellee waan isaan fedhaniin guutee akka namii akimii barbaada fkn lafa akka Awaasaa fi Keenyaa keessaa ammoo gama naannoo Kirwaa fa karaa dheeraa hin yaane tolchuuf asumatti waan fedhan guunnaaf jedha.

Quftuma lafa Turkaanaa keessaa godina Haroo Turkaanaa jala qubatu, Loyangalaan faatti ammoo warshaa qurxummii jaaree ummata malkaa dabarsuuf karoorfate.

Bulchiinsii kun tana malee barnootaaf ammoo manneen barnootaa akimii polytechnic aanaa Marsabeti afranuu keessatti jaaruuf waadaa gale.

Yayyaba yuniversitii Marsabeetillee gannuma shanan kana keesatti kaahuuf waadaa gale.“Ya asi na keettanii isanii hojjadhaa,”jedha.

Dr.Mohaammad Quxii nama godina Isiyolloo bulchuuf filame. Innilleen lafa Isiyolloo boborcanii biraa deeman sun qulqulleessinee,horii gumii badii dhoorree,akka namii waan isaa male argatee nagaan waliin jiraatu tolchuuf hojjannaa jedha.

Nagaa lafaa eegachaa bulchiinsa gochii cuftii qooda keessaa qabdu qabaachuuf kakate.

Dr.,Quxiin bara 2005 keessaa minsitera dargaggoo Keenyaa tahee hojjate,bara 2008 -2013 ammoo ministera horii horiitii.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG