Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gannii isaa 40 haga ammaa boksii addunyaa 50 taphate cufaa irruma aane, guyyaa dheengaddaallee dhahuma dhahee McGregor tittimsee moo’e


Floyd Mayweather Jr. jabs Conor McGregor in a super welterweight boxing match, Aug. 26, 2017, in Las Vegas.
Floyd Mayweather Jr. jabs Conor McGregor in a super welterweight boxing match, Aug. 26, 2017, in Las Vegas.

Atileetiin boksii Amerikaa beekamaan MayWeather dorgommii itti seene cufaa hinuma moo'a amma ya kakatee dorgommii dhiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:39 0:00

Abbaa isaa ka ufiifuu durii dorgommii boksii,buuyyaa ykn tantoommuutin addunyaa iratti beekamutti ilma isaa leenjifatee asiin gahate.

Floyd Maweather “Money Man” ka gama mirgaati mullatu kun atileetii Amerikaa harkii isaa dorogmmii akkanaa irratti dureessa beekamaa tolche.

Floyd dorgommii dirree seenee jennaan nama harkii isaa itti qajeelee dhahee cinaacha lafaan gahu malee hin deebi’u.

Nami kun nama ganna 40ti haga ammaatti marroo 49 dorgome ta guyyaa dheegaddaa waliin marroo 50essoo moo’ate.

Dorgommii haga ammaatti taphate 50 keessaa 26 knock out( dhahee lafaan dhahee) moo’e.

Yoo Guyyaa dheengaddaallee atileetii Irish dorgommii UFC(Ultimate Fighting Championship) irratti maqaa baafate Connor McGregor wal dorgomellee akkana tolche.

Mayweather(gama mirgaa)r fi McGregor(gama bitaa)
Mayweather(gama mirgaa)r fi McGregor(gama bitaa)

McGregor nama ganna 29ti.Marroo 24 dorgomee marroo 21 moo’ee tana keessaa 18 dhahee lafaan dhahee (knock out)n moo’e.

Jara kana guyyaa dheengaddaa Amerikaa magaalaa Las Vegas hoteelii MGM keesstti walti gadi lakkisan. Nama miliyoona dhibba hedduutti TV fi achitti dhufee daawwate.

Akkana wal tolcha dibbi, dibbi! buffi, buffi!,dha,dhaa!,ka, kakkaka,akkana wal dhaanaa wal tittimsaa,hafuura wal kutan.Daqiiqaa 3 wal dhaanaa daqiiqaa 1 hafuura fudhachaa walti deebi’an.

Wal dorogmmii boksii,addunyaa marroo 12 daqiiqaa sadii sadii wal dhaanani daqiiqaa 36tit fixatan.Floyd ammoo daqiiqaa 30essoo irratti marroo 10essoo irratti moo’e.

Giloovi,wannii jarii harkatti naqatee waliin dhaanu giraama 226 ulfaatti.Floyd dorgommummaa akkanaa tanaan doolara miliyoona hedduu harachaa bahee miliyoona dhibba hedduu kennaniif malee hin tapahtu.

Eeguma ganna lamaan duratti dorgommii dhiise ammallee McGregor waliin dorgomuuf itti deebi’e.

“Dhugama isaanii jedhaa asii achi itti hin deebi’u.Daqiiqaa 36 keessatti namii doolara miliyoona 350 argachuu hin feene jiraa? Tanaaf itti deebi’e,” jedhe Floyd.

Jari kun wal dorgomuun duratti ji’a caalaa biyya akka akkaa dhaqee walti dhaadachaa akka namii bahee isaan filatu gaafachaa bahe.

“Dhahee liphi si tolcha,sekondi diqqoo keessatti cinaachaaa lafaan si gahaa.Harka kiyya irraa hin haftuu,” fi waan hedduu waliin jechaa bahan.

Harkii isaanii akka dhagaachaa darbatanii hargufamaa fuula keessa nama dhufa.Waan itti qajeele hin tittimsaa ykn hin gaggabsa.

McGregor nama dorgommi ‘martial art’ irratti guddoo beekamu.Dorgommii Floyd waliin dormge irraa doolara miliyoona 30 caalaa argate.

“Horii diqqaa hin argannee beeki” jedhee gammachuun dubbate.Yoo walumattu deebisan ammoo ka innii beeksisa irraa argate waliin innilleen haga doolara miliyoona 100 caalaan galate.

Floyd lammata dorgommitti hin deebi’u jedhee kakatee McGregor ammoo irrumatti ilaallaa jedhe.Hagasitti waan tuulatan mi’eeffachaa ta itti aantu eegatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG