Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Dandeettan baqadhaa dadhabdan ammoo fiixee manaatti oli yaa'aa wayaa hargufaa akka achi isan guuran iyyadhaa’


Tun magaalaa guddoo Teksas Houston ta lolaan biyyatti baafatee kuma hedduu baqachiise. Hagayya 27,2017
Tun magaalaa guddoo Teksas Houston ta lolaan biyyatti baafatee kuma hedduu baqachiise. Hagayya 27,2017

Bubbee,karfaffuu,hobomboleetti fi lolaan godina Amerikaa Teksasitti baafte waan lafa buraaxesse.

Bokkeen hobomboleetii Harvey jedhan tana gula dhufe fulaa hedduutti bisaan qomaa oli lafa guutee manneen hedduu balleessee,nama dhiba hedduu irraa ibsee dhaamse.

Teksas godina Amerikaa keessaa Alaaksaa aantee bal’inna lafaatiin lammeessoo.Laftii isii haga guddaan diida.Bokkaan guddaan roobee jennaan bisaan yoosum lafatti baafatan.

Bokkeen guyyaa dheengaddaa roobe kun ammallee Teksa gama Kibbaatiin ittuma jira.

Pirezidaanti Tiraampii fi jaartiin isa Melaaniyaa waliin lafa lolaan nama kuma hedduu keessaa baqachiise tana dhaqee laalee bulchoota lafaallee waliin mari’ate.

Jarii kun qaraa naannoo Corpus Christi, fulaa bubbeen tun nama baqachiiftetti gore lafa sun irra maree fulaa gargaasa itti kennanillee laala.

Hojjattoota gagaarsa balaatii fi warrii tolaan nama gargaaru bidiruu guurratee bisaan irra yaa’aa nama mana keessaa bahuu dadhabe balbala itti dhaanaa baqachisuutti jira.

Xuyyuurilleen nama nama fiixee manatti bahee gargaarsa eegatu achii guura.

Bulchootii aanaalee bokkeen lafaa ciree lolaan lafatti baafatee “dandeettan baqadhaa,dadhabdan ammoo fiixeetti manaatti yaa’aa wayaa hargufaa akka achii isan guuran iyyadhaa,’ jechuutti jiran.

Akka pirezidaantiin Amerikaa Donaldi Tiraampi jedhutti hojjattota dhaaba gargaarsa balaa Amerikaa FEMA Keessaa haga guddaan dhufan 8,000 amma Teksas dhaqee ummata gargaaruutti jira

Warra gargaarsa eegatu keessaa hagtii akana jedha.”Takkumaayyuu waan akkanaa arginee hin beennu.Wannii akkanaa hin dhiftillee jennee hin eegne jedha.”

Koreen fannoo diimtuu haga kalee galgalaatti nama 17,000 fulaa tokkotti guurtee gargaaruutti jirti.Nama 30,000 mana mootummaan qopheessefitti baqachiisan.

Akka itti gaafatamaan eegumsa naannoo Tekssa Admiral Karl Schultz jedhetti marroo tokko xuyyuura 18 irra maree nama baachiise.

Teksas bara hedduu keessatti bokkaa akkanaa argitee hin beettu.Fulaa akka Houston gama Kibbaa faatti bokkeen haroolee guutee biyya irra faca’uutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG