Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti gaafatamaan dhaaba Amerikaan biyya alaatiin gargaartuu USAID, Mark Green imaltuuf Itoophiyaa jira


Mark Green itti gaafatamaa USAID
Mark Green itti gaafatamaa USAID

Itti gaafatamaan kun bulchoota mootummaan pirezidaanti Tiraampi barana hujiitti filate keessaa tokko.

Itoophiyaa dhufee sagantaan mootummaa isaa Itoophiyaa gargaaru ka akka PEPFAR(Sagantaa pirezidaantiin Amerikaa addunyaa keesa HIV/AIDS diqqeessuuf yayyabe) dhaee laale.

Tana maleellee naannoo Soomalee godina Jijjigaa dhaqee waan namii keessa jiru laale.

Guyyaa lamaan Itoophiyaa turu kanatti Giriin porojeektii dhaabii Amerikaa ummataan gargaaru heddu laala.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaan biyya 12 addunyaa keessaa sagantaa Amerikaan guddinna biyyaatiin gargaartu Feed the Future jedhan keessatti akka dabalamtelle hardha labse. Sagatnaan kana bulchiinsa pirezidaanti Obaamaatti bara 2010 keessa yayyabe.

Itti gaafatamaan USAID kun bulchoota mootummaa Itoophiyaa,bulchoota Waldaa Afrikaalleen waan akka akkaa irratti mari’ata.

Marii Waldaa Afrikaa keessatti akak addunyaa keessaa fayyaa ijoollee kahimaa eegaa,walqixxummaa dhiiraa fi dhalaa jabeessaa fi waan hedduu irratti mari’atan.

Amerikaan biyya gama gargaarsaatiin Itoophiyaa waan hedduun jabeessuutti jirtu keessaa ta duraati. Ganna kana qofa doolara miliyoona 363 gargaarsaan kennite.

Ganna dabre ammoo gargaarsa doolara miliyoona 800 caalaa akka jara bonaa fi oolaan itti hammaateen gargaaran kennite.Itoophiyaatti nama miliyoona 8 fi kuma 500 gargaarsa eegataa.

Itti gaafatamaan USAID kun rakkoo bona Itoophiyaa kana qofaa mitii ajandaa hedduu irratti qaba jedha gabaasii Finfinnee arganneetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG