Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo pirez.Keenyaa ji’a 2 keesatti irra deebi’an, miilotii Rahilaa Odiingaa faan damee mukaa cabsattee karaatti yaatee gammachuun lafa dhiitaa oolte


Miilota Rahiilaa Odiingaa,itti gaafatama apaarti mormituu faatti akkana gammada
Miilota Rahiilaa Odiingaa,itti gaafatama apaarti mormituu faatti akkana gammada
Manii Murtii Walii Gala Keenyaa filannoo Keenyaa akka irra deebihan hajajee Afrikaafuu seenaa hojjate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:39 0:00

Filannoo pirezidaantummaa Keenyaa irratti yoo hedduu waraanatti dhalata. Ta bara 2007-2008 irratti nama 800-1,500 dhumate haga 600,000 baqate.

Ta baranaa irralleetti nama nama 20 caalaatti dhumate.Filannoo baranaa irralleetti itti gaafatamtootii paartii mormituu NASA (National Super Alliance) filanno keessa dababatti jiraa jedhanii Mana Murtii Walii Galaa Keenyaattu wal himatan.

Itti gaafatamaan paartii mormituu,muummeen minsitera Keenyaa ka durii Rahilaa Odiingaa filannoo adoo isiin hin dhumatin paartii biyya bulchitutti moo’e jedhanii labsan jedhee mana murtii walii galaa Keenyaatti himate.

Manii Murtii dubbii caqasuu jalqabee jennaan akkana jedhe.

“Dallaa Jaarikoo jissinee,Jordaanos qaxxaamurreee amma Kan’aan gahuuf fagoo hin jirru,” jedhee gumii isaatti himate, Rahilaan.

Manii Murtii Walii Gala Keenyaa dubbii tana mirgaa fi bitaa qoratee akka filannoo tana irra deebihan hajaje. Filannoon Keenyaa ta baranaa seera filannoo biyyitii sun baafatte hin guunne jedhee akka irra deebihan hajaje manii murtii sun.

Hajaja kana abbaa seeraa mana murtii walii galaa Keenyaa David Marangati labse.

Abbootii Mana Murtii Keenyaa 6n wal dhaba filanno Keenyaa irratti dhugaa murte
Abbootii Mana Murtii Keenyaa 6n wal dhaba filanno Keenyaa irratti dhugaa murte

​"Filannon tun faaydaa hin qabduu.Filannoo dhugaa qabduu miti,” jedhe.

Itti aanee ammoo “ragaa jiru walti laallee filannoon tun filannoo qajeeltuu mitii seera bulmaata biyya tanaallee ala,” jedhee mirkanse,abbaan seeraa mana murtii walii gala Keenyaa, David Maranga.

Akka Abbaan Dakkaraa,deeggaraan paartii mormituu Keenyaa Naayroobii irraa nutti himetti nama hedduutti damee mukaa guurratee gammachuun karaatti baafatee gammachuun lafa dhiitaa oole.

Karaa akka Madaree, Dandooraa,Urumaa f fulaa hedduutti 'manii murtii dhugaa mure' jedhee gammachuun lafa dhiite.

Keenyaa haga Keenyaa taatee ufi argitee filannoo pirezidaantummaa akkanaa irra deebitee filachiiftee hin beettu.Ardii Afrikaa keessattuu waan akkanaa guddoo hin argan.

Abbootii seeraa dubbii tana muran 6 keessaa 4 akka filannoo irra deebihan hajajan 2 ammoo akka irra hin deebine fedhan.

Abbaan seeraa tokko ammoo dhibamee murtii kalee keessaa hafe..Akka Abbaan Dakkaraa jedhutti namii hedduun abbootiin seeraa tun akkuma durii ammallee dubbii Uhuruu muran jedhee sodaate.

Taatullee akka jedhan hin taanee abbootiin seeraa filannoon Keenyaa bara 2017 seera filannoo hin guunne jedhanii hajajan.

Adoo manii murtii kun silaa dubbii tana Uhuuruu muree akka Abbaan Dakkaraa jedhetti Waraanii hin dhalata.

Abbootiin seeraa tun waan filannoon tun seera addunyaa hin guutiniin guyyaa 21 keessatti barreeffamaan baasuuf kurfoo jiran.

Abbaan seeraa mana murtii walii galaa kun akka filannoon Keenyaa guyyaa 60 keessatti taatu hajaje.

Abbaan seeraa Mana Murtii Walii Galaa Keenyaa bara 2003 keessaa mana murtii olaanaa Keenyaatii filan.Bara sun pirezidaanti Wiwaahii Kibaakiitti file.

Bara 2012 keessa ammoo koomishiinii haqa Keenyaa mana murtii oli-iyyannaatti oli guddise.

Abbaan seeraa mana murtii walii galaa Keenyaa Dr. Willy Mutunga bara 2016 keessaa hujii dhiisee jennaan Marangaan nama 10 waliin dorgomee moo'e. Marangaan nama ganna 65-66 jiduu jiruu abbaa ijoollee sadiiti.

Akka Abbaan Dakkaraa jedhutti paartiin NASA faatii itti gaafatamaa boordii filannoo Keenyaa du’aa fi qabeenna filannoo tana irratti badeef hardhaayyuu balleessaan himachuutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG