Xurree ittiin seenan

Bulchiinsii mootummaa Pirez.,Tiraampi sagantaa ijoollee biyya ormaaatii seera malee Amerikaan dhufaniin gargaaran, DACA dhaabuuf hajaje

  • Soraa Halakee

Jara sagantaa DACA deeggarutti hajaja bulchiinsii Tiraampi sagantaa kana cufuuf baase falmee White house duratti akkana hiriira bahe. Fubaalana 3, 2017.

Sagantaan Deferred Action for Childhood Arrivals DACA jedhan kun bara 2012 keessaa bulchiinsii pirezidaanti Obaamaa baase.

Ijoollee seera malee maatiin isaanii diqqeennaa Amerikaan dhufaniinii asumatti guddatanii fi ijoollee maatiin isaanii VISA argatee Amerikaa dhufee galuu dideen gafgaaran.

Amerikaan qaraa nama miliyoona 10 caalutti seera malee keessa jiraata. Maatiin kun ijoollee guurratee dhufeen.

Amma nama 800,000 sagantaa kanaan gargaarsa argachuutti jira.Tanumaaf jedhanii biyyaa hin baasinillee.Jarii kun ganna lama lamaan waraqata eennummaa haareffatee hujii hojjata.

Ammallee akka dansaa hin galmoomne malee nama haga miliyoona 1 tahutti sagantaa kana keessa jiraachuu dandaha.Ijoollee tana haga tokko gaafa gannii isaanii 6 fa Amerikaan dhufan.

Bulchiinsii Tiraampi ammoo sagantaa kana dhaabuuf hajaje.Akka kongireesiin Ameirkaa ijoollee tana biyyaa hin baamne feenaan ji’a 6 seera haaraa baasee faluuu dandha jedha.

Bulchiinsii Tiraampi ammaaf iyyannoo sagantaa DACA kana nama irraa hin fuudhu.

Haga ji’a 6 keessatti asuma Amerikaa keessa jiran.Achiin duubatti nama sagatnaan kun nama galmeessuu dhaaba.Warrii sagantaa kana ganna 2f mallatesaniif haga gannii isaanii lamaan dhumatutti hinuma taa’a.

Hajaja bulchiinsii Tiraampi DACA dhaabuuf baase kana abbaa alangaa addaa Amerikaa, Jeff Session faatti labse.

Pirezidaanti Tiraampi eegii murtii tana labseen duubatti “ijoollee diqqeennaan asi dhufani amma nama guddaa tahan adabuu hin beenuu Amerikaan biyya carraa qabduu taatullee biyya seeraan bultu,” jedha.

Pirezidaantiin Amerikaa ka durii Baraak Obaamaa bulchiinsii Tiraampi ijoollee carraa tanaan Amerikaa dhufan "abdii borii" sagantaa kana irraa cufuun murtii siyaasaati," jedhe.

Sagantaa DACA kana ammoo “karuma seeraa qabu, karuma garaa naasuu qabuun falla,” jedhe Tiraampi.Sagatanaan DACA kana hambisuun Amerikaatti dubbii siyaasaa guddoo tahe.

Haga Ebala dabreetti nama 1,586,657 tahutti Amerikaa keessaa tanaan carraa argate. Jara kana keessaa hagii guddaan Kaalifoorniyaa,Teksasii fi Ilinoohi.

Ijoolleen tun haga tokko yuniversitii baratanii hagii tokko sadarakaa tokkeessoo hagii kaan fulaa akka akkaa jiran.

Kongireesiilleen eeyee jedhee jennaan nama kuma 800 durii maatiin isaanii seera malee Amerikaan dhufe jedhan hedduu biyyaa baasan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG