Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bubbeen garba Atilaantik irraa bubbisaa Amerikaa godina Filoriidaatti dhiyaatte Irma jedhan waan lubbuuf sodaatan, namnii ya baqaaf karaatti duude


Namii bubbee fi Hobomboleettii IRMA jedhan Filooridaatti baafatte baqachuuf karaa jira
Namii bubbee fi Hobomboleettii IRMA jedhan Filooridaatti baafatte baqachuuf karaa jira

Amerikaa fi biyyoota ollaa isiitti ammitii yoo karfaffuu fi bubbeen fi mandiisuun lafatti baafattu kaan.

Bubbee fi hobomboleetiin cuftii Amerikaatti maqaa ufii qabdi.Fkn ta dhiyoo tana Amerikaa godina Teksas keessaatti biyya balleessite Harvey.

Ta ammaa tun Irma jedhan tun naannoo Karibiyaan waliin dhoofte emannene bubuqqiftee Amerika gama Kibbaatti dhufuutti jirtu saatiitti k 295 ceeti.

Amma naannoo bulchiinsa mootummaa Amerikaa jala jiran Virgin Island fi Puerto Rico jirti waan ufi duratti gare ufi dura fuudhaa Filooridaatti dabarte.

Bubbeen Puerto Rico magaalaa San Juan akkana tolchuutti jirti.Fulbaana 6, 2017.
Bubbeen Puerto Rico magaalaa San Juan akkana tolchuutti jirti.Fulbaana 6, 2017.

​Qilleensii hamaan akkaaa bara 2010 asitti baranuma Atlaantik gama Bahaatii dhufe.Bulchiinsii Filoriidaa keessaa lafa dhufteen baqadhaa jechaa wara lafaa ammoo baqachiisuutti jiran.

Amma sadarkaa 5esso irra jira.Sadarkaan kun ka manneen qaqaarisu,muka hundaan bubuqqisuu,guutolaa mana irraa guurratu,bisaan garbaa namatti gara galchu.

Bulchiinsii godina Filoriidaa akka ummatii baqaaf qophaahuu itti dhaamuutti jira. Hagii tokko ammaayyuu baqaaf karaa jira.

Qilleensii hamaa hobomboleetti tahaa dhufuutti jiru kun lafa haga tokkotti bisaan haga jilbaa gahan lafatti gadi dhiisee bori Dominique Republic gaha.

Hobomboleettiin Harvey dhiyoo tana godina Teksas magaalaa Hiyuestenitti baafatte nama kuma hedduu baqachiiftee 30 caalaa fixxee.

Mootummaa Amerikaa doolara biliyoona 7 miliyoona dhibba hedduu baasee ummata gargaaruuf murtii kongireesii Amerikaa itti eegachuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG