Apple hujii bara hedduu irra ture tana hardha waajjira Amerikaa,godina Kaalifoorniyaa keessatti eebbisee gadi baase.
Eegii itti itti gafatamaan guddaan dhaaba Apple Steve Jobs du’ee ganna 10n duubatti tana baase.
Iphone haarahii tun haada shibo malee baatirii guutuu dandahan dandahan, fuula abbaa isii hin beette.Tahuu baannaan hin banamtuuf.
Gatiin isii haga $1,000 ti. Itti gaafatamaan guddaan dhaaba kanaa Tim Cook tana malee hardhuma iPhone 8 fi iPhone 8 Plus faallee baase.Lamaanuu shiboo malee baatirii isii guutan.Guddinnii isii inchii 4.7 iskiriin ykn fuula durii isii ammoo inchii 5.5.Apple tana malee saatii haaraa fi TV 4K jedhan baase.
Apple Inc. dhaaba teknooloojii gosa hedduuti Cupertino,California keessa jira. Teknoolooji haaraa hojjataa,guddisaa,karoorsa. Yoo hedduu Phone, iPad, iPhone 7, iPod, Macintosh, Apple Watch fi waan akka akkaa baasa.Amerikaa keessaa suuqii gugurdoo 498 qaba.Bara 1976 keessaa namii lammii Amerikaa Steve Jobs jedhan yayyabe