Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baabura geejjiba London keessatti hardha nama 22 caalaatti bombiin mammadaa’e


Baabur hardha bombiin keessatti tokkaate,Fulbaana 15,2017
Baabur hardha bombiin keessatti tokkaate,Fulbaana 15,2017

London ganna kana qofa keessa ta hardhaa waliin marroo shan bomiin keesatti tokkaate.

Ta hardha geejjiba baabura lafa jalaa Parson Green keessatti tokkaate yoo namii hujii yaa’uuf walti gobbatee baabura yaabbatu.

“Tun hujii warra biyya nagaa dhowwuuti,” akka jecha poolisii biyya suniitti. Madoolee keessaa tokko akka lubbuu jira.

Muummeen ministera Biritish, Theresa May tun hujii daafanaa,warrii yaraan wa sodaatu hojjatee hujuma teessan ufi irraa yaa’aa jette.

Pirezidaantiin Amerikaa Doonaldi Tiraampi kunoo jari badaan kaan ammallee Lodnon hadhee Scotland mataa keessaa qabaa kun jara bu’aa hin qamne ka badii fedhu silaa durattuu beekanii dhaabuu malaniiyyuu jedhee Twwiter ufii irratti barreesse.

Theresaa Meey ammoo ani takkumaa dubbii qorachuutti jiran adoo hin hubatin tanaa tanaa jedhee hin dubbanne jettee deebii kennite.

Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa, Antooniyoo Guteres, "balaan akkanaa waan tahuu hin qamnee ka miidhame akka fayyuu feenna ummataa fi motummaa Biritish waliin dhaabannaa,” jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG