Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hobomboleettii fi bubbeen Amerikaa waliin dhooftee Domniki Rippaabilik fi Puherto Rikootti bisaan gadi dhiifte taan ya bubbisaa Turksii fi Kahikositti dabarte


Hobomboleetii Mariyaa jedhanitti iddoolaa Martinique naannoo Karibiyaan jedhan waliin dhahee manneen qaqaarise Fulbaana 19,2017
Hobomboleetii Mariyaa jedhanitti iddoolaa Martinique naannoo Karibiyaan jedhan waliin dhahee manneen qaqaarise Fulbaana 19,2017

Ammitii Amerikaa keessattu lafa addunyaa gama Kaabaa jiranitti yoo bubbee fi hobomboleettiin biyyatti baafattu taan.

Hobomboleetiin cuftii maqaa qabdi. Ganna kana dhiyoo tana qofa keessaa hobomboleettii hedduu agarre;Harvey, Irmaa,Joosee,Katihaa,Lee Mariyaa cuftii garba irraa bubbisaa dhufti.

Ta dhiyoo tana Amerikaa godina Filooridaatti manneen harka 80 caalaa balleessitee ammoo Harvey jedhan.

Hobomboleetiin amma naannoo Kaaribiyaan keessa jirtu Maria jedhan. Hobomboleetiin bisaan gara galchaa deemtu tun Dominikaan Rippaabilik keessatti akka oduu akka akkaatti nama 10 caalaa fixxe.

Akka Jidduu Galii Tohannaa Hobomboleetti Amerikaa jedhutti hobomboleetiin tun amma sadarkaa shanan keessaa sadarkaa 4essoo irra jirti.Sadarkaan kun ka bubbee fi hobomboletiin tun manneenii fi muka qaqaarisuu dandeettu

Amma Puhertoo Rikootti elektiriikii kukkuttee lolaan lafatti gadi dhiifte.Iddoolaan amma isiin itti dabarte Turks fi Caicos, iddoolaa garba Pasifik jiddu qubatan 40 keessaa tokko achillee duraa baqachuutti jiran.

Biyya Puertoo Rikootti bisaan lafatti gadi dhiiftee elektirii ciccirtee nama tokko caalaa galaafattee.Ammallee naannoo Dominican Republic keessatti akka balaa sodaatan.

Puhertoo Rikoon ganna 90 keessatti bubbee fi hobomboleetii akkanaa tana argitee hin beettu.

Puhertoo Rikoo keessaa nama 11,000 duraa baqate.Fulaa itti qajeeltetti bisaan seenti meetira 89 lafatti naxxee muka elektiri bubuqqiftee guutuu manaalleen irraa guurratte.

Amerikaa fi biyyoota ollaa isiitti ammitii yoo hobomboleetii fi bubbeen lafatti baafattu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG