Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Laas Veegaasitti Raawwate Lubuu Hedduu Galaafate


Haleellaa Laas Veegas
Haleellaa Laas Veegas

Poolisiin magaalaa Las Vegas nama dhukaasa kana raawwate adda ka baase yoo ta’u kan umuriin waggaa 64 lammii Ameerikaa adii Stephen Paddock jedhamuu fi Nevada Meskiit irraa ta’uun beekamee jira.

Namni kun hoteela bekka qubatee jiru gamoo 32ffaa irraa jamaa uummanni kummi 22 irratti walitti qabamee turetti ture kan itti dhukaase.

Viidiyoon waraabame akka mul’isutti dhukaasi irra deddeebi’uun ennaa dhuka’u kanneen konsertii sanaaf wal ga’an asiif achi ennaa fiigan ennaa iyyan mul’isee jira.

Akka nuti amanutti jedha poolisiin namni sun utuu nuti achi hin ga’in of ajjeese. Amma iyyuu barbaacha irra jirra. Hamma qawwee 10 arginee jirra jedheera.

Poolisiin akka jedhetti haleellaan sun maaliif akka raawwate hin beekamin jira. Namni haleellaa kana raawwate Paddock garee shorokeessotaattii hidhata hin qabu jedhamee amanama.

Ministriin naga eegumsa biyyaa akka jedhetti uummataaf sodaa uuma kan jedhamu odeeffanoon adda baafame hin jiru, haa ta’u malee bakka uummati wal ga’utti naga eegumsti itti dabalaa akka jiraatu beeksisee jira.

Prezidaant Doonaald Traamp ergaa dabarsaniin maatiiwwan namoonni duraa miidhamaniif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG