Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa godina Kaalifoorniyaa gama Kaabaatti lafa qarxii kuma 25,000 taatutti gubatee nama 20,000 caalaa baqachiise


California fires
California fires

Amerikaatti ammmitii yoo aduu ka mukkeen baddaa riganii gubanii wal bobeessan. Bubbeen ammoo qaanqee fuutee fulaa hedduu gubdu.Guyyaa dheengaddaa qofa ibiddii kun fulaa 14 gube.

Haga ammaatti nama 13 tanaan dhumatee nama hedduu barbaaduutit jiran.

“Yoo ani wa ilatti keeyyadhee gooroo mana kiyyaan gamaa laale laftii cuftii ibidda. Rifadhee olladhe haga ammaallee ollachuutti jira.Yoo ani akkana gadi bahe namii cuftii lafti ya gubatte,lafti ya gubatte,lafati ya gubatte, baqadhaa, baqadhaa jedha," warrii waan ibidda kanaa arge.

Ibiddii qaanqee xinnixxuun deemtu kun saatiitti km 80 ceha, kaalifoorniyaa keessaa naanno Bay gama Kaabaa, Sacrameentoo waliin gahe.Gubuma gubee magaalaa Santa Roosaa gahee hospitaala,suuqilee fi manneenillee gube. Walumattu qabeennaa 1,500 balleesse.

Baddaa gubatte keessaa tokko ta aanaa Naapaa muka wayinii hedduu qabaachuun beekamtu.Guddoo gubee balleesse.

Bulchaan godina Kalifooriniyaa, Jeerii Biraawin, Kaalifrooniyaa muddamsuu keessa jirti jedhee labse.Akkas jechuun godinii ufi dadhabdee mootummaa Federaalaa shufee gargaaree jechuu.

Kaalifoorniyaan godina Amerikaa 50n keessaa tokko.Haroolee daaktan,baddaa, gaarren mimmidhaagoo,gammoojjii Mojaavee, fi waan akka akkaa qabaachuun beekamti.

Magaalii isii, Los Angeles ammoo laa muuxii fi fiilmii itti hojajtan ,Hollywood. Kaalifoorniyaan lafa daawwii itti yaa’an.Ibidda isii gube kana dhaanfuutti waan hedduun itti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG