Xurree ittiin seenan

Prezidaant Doonaald Traamp Dandeettiin Sammuu Koo Kan Rex Tillerson Gad Miti Jedhan

  • VOA

Prezidaant madaallii dandeettii sammuu isaanii ykn IQ-n isanaii yoo ilaalame ministeera dhimma alaa Rex tillersoniin kan caalan ta’uu ibsuu dhaan gabaasalee diplomaatichi ijoon nama sammuu hin qabne ittiin jedhan jechuun dhiyaateef deebii kennan.

Akkan yaadutti oduu kijibaa ti, gauu yoo isaan sana jedhan ta’e madaalli sammuu keenyaa ilaalchisuu qabna jedhan. kanaaf eennyu akka injifatu ilaalla jechuu dhaan Traamp gaazexaa Forbes har’a maxxansameef ibsaniiru.

Ministeerri dhimma alaa US Tillerson dtorban darbe prezidaantichaan sammuu hin qaban jechuu isaanii gaafatamanii ennaa deebisan, dhimmootii gatii hin qabaanne akkasiif yeroo hin qabu jechuu dhaan waan bulchiinsa kana addaan qoodu keessatti hin hirmaadhu jedhanii turan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG