Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaambiin baqaa Keenyaa,Kaloobiyeen akka duriitiin yo walti laalan amma waan hedduun wayyoofte jedhan


Tun kaambi baqa Kaakumaa godina Turkaanaa Keenya gama KaabaDhiyaa bara 2015.
Tun kaambi baqa Kaakumaa godina Turkaanaa Keenya gama KaabaDhiyaa bara 2015.

Keenyaan biyya namii kuma dhibba hedduu itti baqatee akkuma itti jiruufuu keessa jiraatu Kaambiin itti baqatan keessaa tokko ta godina Turkaanaa keessaa jirtu Kaloobiyee, Kaloobiyeen damee sadii qabdi.

Durii bisaa,manneen shorroonii,manneen barnootaa,manneen akimii,waajjira UNHCR rakkoo itti himatan,fulaa cheekii itti jijjiiratan,waajjira poolisii,fi waan hedduu hin qamne jedhan.

Bulchootii dhaaba baqataa gargaaruu UNHCR ammoo akka jedhanii mitii kaambiin tun waan hedduu qabdi jedhan.VOA-n qorattee rakkoon hedduun jiraachuu hubatte.

Amma ammoo akka warrii achi jiraatu jedhutti eegii VOA-n dubbii tana qorattee ji’a sadiin duratti gabaafteen duubatti waan hedduutti goomittaa qaba.Jireennii achii wayyaa’aa dhufuutti jira.

Kambii tana Somaalee,Suudan Kibbaatii fi Itoophiyaatti haga guddaan keessa jiraata.Kaambii moggaa lafaatti jaaran tun akka warrii achi keessa jiraatu jedhutti naminuu quba hin qabu.

UNHCR ammoo kaambiin tun akka isiin ufi qofaa mitii isuma warra dhihattu isii qubatuuyyuu bu’aa buuftuuf jedhanii jaaran.

Galgaloo Areeroo,Diimaa Jamaal,Mohaammad faati warra kaambii tana keessa jiraatu keessaa tokko.

Waan amma kaambii tanatti jaaruutti jiran keessaa butte bisaanii,karaa bisaanii, manneen barnootaa sadarkaa tokkeessoo, manneen akimii fi waan hedduu.

Dhaaba UNHCR,Sagantaa Nyaata Addunyaa fi hedduutti damee achii qaba. UNHCR kaambii tana keessaa damee qabaachuun akka baqataan rakkoo isaatiif diqqaattullee fala argachuu dandahu tolcha.

Baqataan durii karaa km 20 caalaa deemee rakkoo isaa dhaaba UNHCR-ti himata.

Yvonne Ndege, odu himtuu UNHCR damee Naayroobiiti.Dhaabii kun gama barnotaatiin, gama leenjiitiin,manneen akimii haawwanii jaaruutiinii fi waan hedduu qajeelchee jaaruufillee karoora qaba.

“Manneen baqataa 304 jaaruutti jirraa kana irratti 100 ganna kana keessa itti daballa jennee hujiitti jirra,”jetti Yvonneen.

Keenyaa keessaa baqataa 500,000 caalutti jira.Jara kana haga guddaan Dhadhaab, Kaakumaa fi Kaloobiyeetti gargar guuran.

Wannii baqataa jajaaruufitti jiran jedhan kun yoo akkuma jedhan jaaranii dhumatte waan hedduu furti.

Yoo dhumatte ammoo akkuma maqaa isii dhaabbilee UNHCR faatii horii guddaa baafte kaambii waaan hedduuf abdatan taati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG