Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaambii baqaa Keenyaa, Kalobeyii keessatti nama dhibba hedduutti biinnii fuudhe nama afurii olitti dhiba kanaan lubbuu dhabe.


Kaambiin baqaa Keenyaa namii keessatti biinnii,busaa fudhee fayyaa dhabuuti jiru,Kalobeyii Keenyaa gama Kaabadhiyaatti lafa oowwichii hamtuu keessa jirti.

Galama Guutuu ogeessaa fayyaa Kalboeyei keessa hojjata.

"Haga ammaatti nama 4-6tti tanaan lubbuu dhabe.Torbaanitti nama 200 caalaa biinnii akimachuuf fulaa teenna dhufa.Warri kun hagii guddaan nama humna laafaati biinnii ittifachuu hin dandeenne.Hospitaalii guddaan namaan itti wallaananilleen hin jiruu,"jedha.

Akka jecha Galmaatti almii qorsii dansaalleen Kalobeyii keessa hin jiruu, namii akimachuuf km 30 caalaa yaa’ee Kaakuma dhaqa.

Sanyiin biinnii kaambii tana keesstti argan Plasmodiuma Falcipariuma Sanyii biinnii Gaafa Afrikaa keesstti guddoo jirtu afran keessaa tokko.

Akka daarekterii odeeffannoo UNHCR damee Naayroobii Yvonne Ndege jettui dhaabii isaaniituu qorsa,mi’a fi waan hedduu namaan gargaaruuf hujiitt jira.

Kalobeyeiin kaambi baqaa Keenyaa gama Kaabaatiin qubattu Itoophiyaa, Somaalee fi Suudan Kibbaatti haga guddaan keessa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG