Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ugaandaa akka paarlaamaaan isaanii seera pirezidaantiin biyyaan bulchu dheeressuuf ‘$8,000 itti qoode’ sossobachuuniitti jira


Miseensa Paarlaamaan Ugaandaa paartii mormituutti warra naga eegu Ugaandaatti akkana wal dhaana.Fulbaana 27,2017
Miseensa Paarlaamaan Ugaandaa paartii mormituutti warra naga eegu Ugaandaatti akkana wal dhaana.Fulbaana 27,2017

Ugaandaan biyya Afrikaa gama Bahaatin jirtu.Paarlaamaan isii nama 445 qaba. Biyya tana bara 1986 asitti Yuweerii Musiveeniitti bulchuutti jira.

Pirezidaantiin kun akka paartii mormituu jettutti ammallee bara hujii isaa dheereffachuuf seera malee paarlaamaa biyya isaa horiin sossobachuutti jira.

Nama tokkoof akka akka paartiin mormituu jettutti $8,000 kennan.Waluamttu haga kaleetti doolara miliyoona 3 fi kuma 500 jaraa kanatti qoodan.

Akka jecha paartii mormituutti kun horii namaan soossaban akka paarlamaaan kun akka seerii pirezidaantiin haga fedhe biyya bulchaa jedhee muru tolchuuf.

Itti gaafatamaan paarlaamaan paartii mormituu Semujju Nganda parlaamaan kana cabsee seenee wa gaafate

Warqata diqqaa wayii natti kennni.Iyyoo, iyyoo, horii kana hedi.Iyyoo adoo nu asi jirruu amanuu male.Horii kana sitti dhiifna.”

Hojjataan waajjira kanaa horii kana fudhacuu hin dandeenne jedhe.Taatullee namuu maqaa ufii waraqataa irratti barreefatanii bairaa yaa’a.

Mootummaan Ugaandaa bara 2005 irralletti akka jarii seera jijjiiru sossobachuuf $2,500 shan kenneef sossobate.

Gaafasillee akka jarii pirezidaantii haga fedhe cufa biyya bulchuu dandaha jedhee seera baasu sossobate.

Gaafsillee horiin sossobatanii eeyee jedhaniif.Taatullee paarti Ugaandaa bulchu tun dhara jetti.Akka oduu himaan paartii tanaa Joosef Kakoozoo jedhutti horiin kun ka miseensii parlaamaa hujiin hojjachuuf kennaniif malee ka namaan sossobatanii akka Musiveeniin akka fedhe bulchuuf kennaniifii miti.

Paralaamaan Ugaanda guyyaa 30 keessatti pirezidaantiin tokko ganna hagam biyya bulchuu male jedhee waan jedhu jedha.

Pirezidaantiin Ugaandaa amma abbaa gadaa torbaati,ganna 76 ammallee bara 2021 bara hujii fixate.Gaafas itti deebinaan 84 taha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG