Xurree ittiin seenan

Prezidaantiin Kutaa Kurdi Taayitaa Isaanii Gaadhiisuuf Murteessuu Isaanii Yunaayitid Isteets Galateeffatte

  • VOA

Yunaayitid Isteets, prezidaantiin kutaa Kurdi taan – Masuud Barzaanii taayitaa isaanii gad-lakkisuuf murteessuu isaanii galatoomfattee jirti.

Dubbi-himtuun Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Heezer Nuweert, har’a waa’ee kanaa ibsa kennaniin, “Prezidaant Barzaaniin hoogganaa uummataa seena qabeessaa fi keessumaa, dhiheenya kana garee ISIS dhabamsiisuuf duula waliin geggeessine irratti hoogganaa uummata goota ta’uu isaanii nama agarsiisani. Murtiin isaanii kun, yeroo rakkisaa keessatti hoogganaa biyyaaf yaadan ta’uu isaanii agarsiisa” – jedhan.

Mootummaan Iraaqii fi mootummaan bulchiinsa naannoo Iraaq, hatattamaan waliin hojjechuudhaan, rakkoolee furmaata hin argatiin jiran Heera Iraaq jalatti akka furan gaafata – ibsi Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets irraa bahe kun.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG