Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertiraa Magaala Asmaraatti Kaleessa Hiriirri Mormii Geggeeffame


Hiriira kaleessa magaalaa galma-mootummaa Ertiraa – Asmaraa keessatti geggeessame irratti tarkaanfiin hookkaraa fudhatamuu isaa fi sagaleen dhukaasaa dhaga’amuu Embaasiin Yuynaayitid Isteets Ertiraa jiru kaleessa gabaasee jira. Maddi dhukaasichaa eenyu akka tahe garuu waan adda-baafatee beeksise hin jiru.

Viidiyooleen hagi tokko Feesbuukii, Twiterii fi Yuutuubii irratti maxxansananii bahan akka agarsiisanitti, yeroo hiriirtonni giddu-gala magaalaa Asmaraa keessa fiigaa jiranitti dhukaasni deddeebi’ee dhaga’amaa ture.

Gabaasaaleen hin mirkaneeffamiin akka jedhanitti, magaalaa Asmaraa, ganda Musliimonni itti heddummaatan – Akiriyaa keessatti jalqabame – hiriirichi.

Kan ganda sana keessatti argamu – mana-barnootaa Islaamaa “Diaa Islamic School of Asmara” jedhamu, Kaarikulemii yokaan sirna-barnootaa isaa akka jijjiiru ammaan dur mootummaan Ertiraan ajajamee akka turee fi maanguddoo miseensa Boordii – Muassaa Mohammed Nuur dabalee – Boordiin manicha-barnootaa diduu isaa fi sababaa kanaan garii hihdamuu isaanii, marsariitiin garee mormituu mootummaa AWATE.COM gabaasee jira. Akka marsariitii sana irratti gabaasametti, baratootaa fi kanneen biroo tarkaanfii mootummaa sana morman tu mormii isaanii dhageessisuuf gara karaawwan Asmaraatti bahee hiriire – jedhama.

Kan gaazzexeessota Ertirtaa ala jiraataniin magaalaa Paaris irraa tamsaasu – Raadiyoon Ereenaa akka jedhutti, barattoota Mana-barnootaa Islaamaa kanneen dhibba tokkoo ol tu hiriira mormii bahe. Sa’aatii tokko keessatti, humnoonni mootummaa ulee fi meeshaalee waraanaa qabatan hiriirtota bittimsan.

Maddeen Ertiraa keessaa fi ala jiran, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, kutaa Afaan Tigreef akka ibsanitti, namoonni hedduun hedduun hidhamanii jiranii, amma illee hidhamaa jiru. Kanneen madaawanis tahe du’an jiraachuu fi dhiisuu garuu akka hin qulqulleeffatiin dubbatan – maddeen kun.

Kaleessa gaafa Onkoloolessa 31-kkoo, walakkeessa magaalaa Asmaraatti namoonni hedduun hiriira ba’uu isaanii fi hiriiricha bittiimsuuf humnoonni naga-eegumsaa mootummaa dhukaasa banuu isaanii kan dubbate – Mootummaan Briteen yokaan Yunaayitid Kiingom, gama isaatiin, akka lammiwwan isaa fi qondaalonni Embaasii isaa of eegganaan socho’anii fi bakka hiriiraa irraa fagaatan akeekkachiisee jira.

Ertiraa keessaa shororkeessmmaan ammaan dura geggeessame jiraachuu baate iyyuu, haleellaan geggeeffamuu hin dana’u – jechuun hin danda’amu – jedha – akeekkachisni kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG