Xurree ittiin seenan

Breaking News

Niwu Yookitti Haleellaa Gocha Shororkeessaati Jedhameen Lubbun Namootaa Darbe


Sayfullo Saipov New York Attack
Sayfullo Saipov New York Attack

Qondaalonni Niwu Yoork, nama magaalaattii keessatti kaleessa konkolaataa fe’isaa kireeffame karaa namoonnii fi biskileetiin itti heddummaatetti oofuudhaan namoota hedduu galaafate qorachuu jalqabanii jiran.

Eega Fulbaana 11, bara 2001 haleellaan xayyaarota lamaan gamoolee Waaltaa Daldala Addunyaa lama irratti geggeessamee lubbuu dhibba hedduu fixee as, haleellaa shororkeessummaa magaalaa Niw York keessatti yoo xiqqaate namoota 8 galaafate kana duuba kaka’insi maalii akka jiru adda-vbaafachuutti fuuleffate – qorannaan geggeessamu kun.

Namni haleellaa kaleessaa kana geggeesse – jedhame – Sayfulloo Saypoov, bara 2010, Uzbeek irraa gara Yunaayitid Iasteets-tti ka godaane yoo tahu, fuula Meediyaa hawaasummaa qabiyyee garee shorrokeessummaa “Islamic Isteet” qabutti hidhata qabaachuu isaa dubbatu – Qondaalonni qorannaa.

Barreeffamni bakka haleellaan itti geggeessame sanatti argame – garee Jihaadii sanaaf kan bulu tahuu isaa kan inni ittin dhugeesse of keessaa qabaachuu isaas maddeen oduu gabaasanii jiran. Kaleessa, poolsii magaalaa Niwu Yoorkiin garaa isaa irra haleelamee kan qabame – Saypoov, amma lubbuun hafee wal’aansi baqaqsanii hodhuu godhameefii jira.

Bulchaan magaalaa Niw York – Biil Dibilaasiyoo akka jedhanitti, haleellaan kaleessa magaalaa isaanii keessatti Sayfulloo Sayppoviin geggeessame yoo xiqqaate namoota saddeet ajjeesee, 11 madeesse.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG