Xurree ittiin seenan

Kan Achi Buuteen Dhabame Angawaa Afgaanistan Barbaadamaa Jiru: Paakistaan

  • VOA

Angawaa mootummaa Afgaanistan gameessa kan torban darbe utuu dhuunfaa isaaniin pakistaniin daawwatanii achi buuteen dhabame arguuf tattaaffiin godhamaa kan jiru ta’uu paakistan beeksistee jirti.

Akka firoottanii fi angawoonni Afgaanistaan jedhanitti bulchaa konyaa Kunaar kan Afganistan gama bahaa Qazii Muhaammad Nabii utuu ukkaamsamanii hin butamin dura wal’aansa fayyaa magaalaa Peshwaar keessatti argachuuf gamas turan.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Mohammad Faisal Islamabaad keessatti har’a tuuta oduuf ibsa kennaniin Nabiin argamuu mallattoon agarsiisu hin jiru jedhan.

Angawoonni diplomaasummaa Afgaanistan akka jedhanitti Nabiin Paakistaan keessa jiraachuu quba hin qaban.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG