Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii Niiwu Yorki dubraan Amerikaatti dabsate... ijoolleen Afrikaa kilaboota kubbaa miilaa addunyaa keessa jiranilleen goolii galchumatti jiran


Maratoonii Niiwu Yorki dubraan Amerika dhiiaan Keneyaatti dabsate
Maratoonii Niiwu Yorki dubraan Amerika dhiiaan Keneyaatti dabsate

Kalee nama 50,000 tahutti maratoonii Niiwu Yoorki irratti wal qolchuuf karaatti baafate.Kaan nafa diriirfachuuf atileetotii addunyaa ammoo maqaa fi badhaasaaf wal dorgoman.

Walumattuu nama biyya 126 caalaanitti dorgommii tanaaf jedhee dhufe. Itophiyaan atileetota ergatte.

Amerikaan dorgommii akkanaa tana nadheeniin ganna 40 keessatti takkuma mootee hin beettu.

Kalee ammoo atileetii isii Shalaneen Filandgan-ti dorgommii tana 2:26:53 irratti mooteef.Dorgommii akkanaa tana atileetii Amerikaa Miki Gormanitti bara 1977 keessa moo'eef.

Shanaleen dorgommii baranaa moote tun maratoonii bara 2010 irratti lammeessoo baatee taatullee gaafasii asitti takkumaayyuu dorgommiiyyuu hin ceene.

Maratoonii Niiwu Yoorki bara 2017 tana dhiiraan atileetii Keenyaa Geoffrey Kamwororitti 2:10;53 fixee moo’eef.

Atileetiin Amerikaa bara 2009 maratoonii tana moo’e, Meb Keflezgi 26esso bahee akkuma baheen gaggabee lafa dhahe. Atileetotii Itoophiyaa dhiiraan, Lalisaa Deesisaa 3ssoo,Lammii Birhaanuu 4essoo, Taaddesee Abraam ammoo 5essoo.

Durbaan ammoo Maammituu Daskaattti abreessoo baheef.Maratoonii Faransaay kalee biyya sun gama Kibbaatti dorgoman irrati ammoo atiletota Itoophiyaa,

Dejene Kelkileetii fi Xajjituu Siyyumitti moo’e.Meseret Gollaatii fi Tigisti Isheetuuti itti aane.Dorgommii Chaayinaatti ammoo atileetota Itoophiyaa Azmerawu Beqqeleetii fi Mulumetbet Tseggaatti rekordii cabsee moo’e.

Oduu kubbaa miilaa

Bitaa gara mirgaa: Taphataa Aljeeriyaa Riyad Mahrez (Leicester), ka Senegaal Sadio Mane (Liverpool) fi ka Gaabon Pierre-Emerick (Dortmund).
Bitaa gara mirgaa: Taphataa Aljeeriyaa Riyad Mahrez (Leicester), ka Senegaal Sadio Mane (Liverpool) fi ka Gaabon Pierre-Emerick (Dortmund).

Ijoolleen Afrikaa ta kilabii biyya alaa keessa taphatan biyya keessa jiraniif goolii galachanii kilabii isaanii oli guddisumatti jiran

Saadiyoo Maane: Gurbaan kun dhalootaan Senegaa biyya isaatii fi Sliiver Pooliif taphata.Dhiyoo ribuun miilaa dhibamtee amma fayyee taphatti deebi’uutti jira.

Tapha Sadaasaa 4,2017 irratti kilabiin isaa Liiver Pool Westi Haam 4-1 lafaan dhoofte irralleetti goolii innii Mohaammad Saalaa dura buusetti gale. Mohaammad Saalaa ka dhalootaan Masrii tapha sun irratti gooli lama galfate.

Mohaammad eegii bara 2017 Liverpoolitti dabalamee tana waliin golii 12 galfate.Toomaas Paarteey dhalootaan Gaanaa amma kilabii Atiletikoo Madriidii taphata.Gurbaan kun taphaan guddachaa deemuamtti jira.

Yoo guyyaa dheengaddaa kilabiin isaa Ispeenitti kilabii Deportivo la Coruna waliin taphattullee gooli innii daqiiqaa 91essoo irratti keessa buufatetti Atileetikcoo oli xinnisse.

Kilabii isaa keessatti haga ammaatti goolii afur galfatee taphaa kilabi isaa Antoine Griezmn qofatti isa dura jira.

Gurbaan Aljeeriyaa kilabii Ispeen Real Betis keessa taphatu Ryad Boudebouz ammoo metirii 25 irraa goolii galfatee kilabii isaa bayyanachiise. Tanumaaf kilabiin isaa Getafe waliin 2-2 walqixxee baate.

Naby Keita dahalootaan Giinii kilabii Jermenii RB Leipzigii taphata.Tapha guyyaa dheengaddaa irratti akka kialbii isaa kilabi Jermenenii Hanover 96,2-1 dabsattu tolche.Gurbaan ganna 22 kun ganna dhufu Liiver Poolitti fudhata.

Nikolas Pepe, gurbaa ganna 22 dhalootaan Ayvori Kosti Faransaayitti kilabii Lille keessa taphata.Goolii takkittii innii galchetti akka kilabiin isaa kilabuma Faransaay Metz 3-0 dibi tolche.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG