Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sawudiin dureeyyii,bulchoota mootummaatii fi maatii mootii biyya isii hidhuma hiitee 208n geette


Kuusaa Suuraalee: Nugusa Sawudii Mohammed bin Salman, kora investerootaa Onkololeessa 24,2017 Riyaaditti irratti
Kuusaa Suuraalee: Nugusa Sawudii Mohammed bin Salman, kora investerootaa Onkololeessa 24,2017 Riyaaditti irratti

Dureeyyiin tun investeroota addunyaa keessatti guddoo beekan. Bara hedduu keessatti doolara biliyoona 100 caalaa seera malee tuulate jedhanii himatan.

Warrii akkana hidhuutti maatiin nugusaa keessa 11, minsiteroota Sawudii sadii fi nama hedduu. Jara kana horii balleessaa jedhanii akkana himatan

Dureeyyii fi maatiin nugsaa tana qaraa hoteelii Sawudii Ritz Carlton keessatti walti qaban.Akka bulchootii Sawudii jedhanitti warra kana keessaa torba ya gadi lakkisan 201 hidhaaa jiraa akkawontii baankii isaaniillee 1,700 irraa cufan.

Warra guyyaa dheengaddaa hidhame keessaa tokko dureessa Itoophiyaa fi Sauwdii beekamaa Sheek Mohaammad Al Muddiin.

Wannii jara jara kanaan himatan akka dansaa diidessanii jechuu baatanillee akka oduu himaan Al Muddiin ka London jiru Tim Pendry,VOAtti himnetti qabiitii tanaan daldalalii Al Muddiin biyya alaatii qabu womaa hin tahu.


Al Muddiin nama haadhaan Itoophiyaa abbaan ammoo Sawudii Arebiyaa naannoo Amaaraa Daseetti dhalate.Akka dhaabii Bloomberg jedhutti Al Muddiin horii doolara biliyoona 10 qaba.

Akka ogeessii seeraa yuniverstii Lexington, Virginia jirtuu Henooki Gabbisaa jedhutti Al Muddiin doolara biliyoona 3 fi miliyoona 400 zaytii,warqii,qonna fi simintoo Itoophiyaa keessatti hojjate irraa horate.

Hiriirii naannoo Oromiyaatti bahuutti jiruun Al Muddiin dubbii itti jabaachuutti jirti.Bulchinsii mootumma naannoo Oromiyaa akka jecha Henookitti lafa innii guurrate irraa fuudhee dargaggootaa qooduu fedha maan jennaan akka jecha isaatti namii faaydaa irraa hin arganne.

Dhaabii Al Muddiin kun Simintoo fi warqii fulaa akka akkaatii argata fkn Derba MIDROC irraa Simintoo fi Warqii fa.

Fkn akkana jedha ogeessii seeraa kun laga Dambii ka innii warqii baafatuutti dhaabii kun mana barumsaa,mana akimii hin jaarreefii ijoolleen kahimaa naannoo sunii hujii hin qaban.

Innii ammoo akka Henook jedhutti gannatti warqii kg 5000 achii baafata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG