Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Saawudii Arabiyaa Malaammaltummaan Wal-qabatee Namoota 208 Hidhuu Beeksise


Abbaan-alangaa muummichi Saawudii Arabiyaa, biyya isaanii keessatti gochaa malaammaltummaa waggoota hedduu geggeessameen maallaqni doolaara biliyoona dhibba tokkoo ol hatamuu isaa dubbatanii, gochaa malaammaltummaan kanaan wal-qabatee, mootummaan isaanii namoota dhibba lamaa fi saddeet hidhuu ishee beeksisanii jiran.

Abbaan-alangaa muummichi, ka Saawudii – Saawud l-Moojeb, namoota hidhaman sana keessaa toorba otuu himannaan irratti hin dhihaatiin walaba tahuu isaanii ibsanii, “namoonni 201 garuu, amma illee mana-hidhaa jiru” jedhan.

Herregawwan Baankii gara kuma tokkoo fi dhibba toorbaa ta’anis mootummaadhaan ugguramuu isaanis dubbatanii jiran – Abaan-alngaa muummichi Saawudii kun.

Ministara dhimma Sawudii Arabiyaa Abdel Al Jabeer waliin Kibxata dabre dhimma kana irratti dubbachuu isaanii kan eeran – ministarri dhimma alaa Yunaayitid Isteets – Reks Tilersen, “akka ani hubadhutti namoota kana qabuun isaanii ammaaf akka hidhaatti otuu hin taane, doggoggora namoota kanaa ragaa waliin dhiheessanii, yoo dogoggora isaanii irraa gara karaa sittiitti deebi’u tahe gaafachuufi” jedhan.

Haga dhimmi kun qulqullaa’ee beekamutti yaaddessaa ta’uu illee dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG