Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochii Lafaa Lubbuu Hedduu Galaafate Daangaa Iraan fi Iraaq Rukukte


Sochiin lafaa naannoo Iraaqii fi Iraan wal daangessan irratti raawwatame namoota 400 galaafachuun gabaasamee jria.

Sabaa himaan mootummaa Iraan har’a akka gabaasetti namoonni 407 ol yoo du’an kanneen kumaan laka’aman madaa’aniiru

Kanneen miidhaan irra ga’e gargaaruuf jecha gareen baraarsaa fi gareeleen gargaarsaa halkan guutuu hojjeaa turan.

Xiinxalli qorannaa dachii US akka jedhutti sochiin lafaa sun magnitude 7.3 yoo ta’u magaalaa Halabja kan naannoo Kurdoota Iraaq cinatti raawwate.

Muummichi ministeeraa Iraaq Haider al-Abaadii akka jedhanitti dhaaboliin eegumsa fayyaa fi gargaarsaa gargaarsa kennuuf waan danda’an mara akka godhan ajajanii jiru.

Twitter irratti ergaa maxxansaniin uummara mara nageenya isaanii eegusisuuf waan dandeenye mara goona jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG