Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daawwannaa Biyyootii Asiyaa Booda Ibsa Cimaan Kenna: Prezidaant Doonaald Traamp


Prezidaant Traamp muummicha ministeeraa Australiya Malcolm Turnbull fi kan Jaappaan Shinzo Abe waliin marii geghgeessanii jiran. Mariin isaanii nageenya naannoo keessumaa attamiin dhimma meeshaa nukleraa fi misaayila Kooriyaa kaabaaf deebi akka kennan irratti akkasumas dhimma china kan qabiyyee naannoo galaanaa irratti fuuleffata.

Dhimmi keenya ijoon jedhan hoogganaan Jaappaan nagaa fi gasgabbii naannoo fiduuf wal ta’iinsa walitti dhiyeenya qabu kan biyyoota sadanii mirkaneessuu dha.

KOoriyaan kaabaa dubbii tuqachuu maal na dhibdeen geggeessituu fi walitti bu’iinsa naannoof balaa ta’uu irratti martinuun keenya ejjennoo tokko qabna jedhan Turnbull.

Nagaa fi gasgabbiin badhaadhina uummata biliyoonaan laka’amuu kurna hedduuf kan bu’uura ta’eef waan ta’eef kana bakkatti eeguuf waliin hojjenna jedhan.

Shaakallii humna galaanaa kan doonii xayyaara baatu kan US hirmaachisee naannoo bishaanota Pasifik gama dhiyaa keessatti itti fufee jira.

Doonileen US fi xayyaaronni ishee humnootia galaanaa Kooriyaa kaabaa fi Jaappaan waliin ta’uun sochii gochaa jiran.

Traamp akka jedhanitti kooriyaa kaabaa fi walii galtee daldalaa ilaalchisee ennaa Washintonitti deebi’an ibsa cimaa kan kennan ta’uu ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG