Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Ameerikaa Rex Tillerson Maaynamaariin Daawwatan


Myanmar keessatti yaaddoo gabaasi humnootiin nagaa eegisanii fi waardiyyaaleen hawaasa keessaa baa’n kutaa Rakiinee keessatti fixiinsa raawwataa jiran jedhu irraan kan ka’e ministriin dhimma alaa US Rex Tillerson Manynamariin daawwataa jiran. Biyyattii irra uggura dinagdee kaa’uun garuu gaarii hin fakkaatu jedhan.

Sun rakkoo jiru attamiin furuu akka danda’u hubachuun rakkisaa dha kan jedhan tillerson, sab xiqqalee hawaasa musliimaa Rohingya irratti fixiinsa raawwatamuu kan tokkummaan mootummootaa tuqe ilaalchisee namoota dhuunfaa irratti fuuleffatame irra uggura kaa’uun barbaachisaa dha jedhan.

Kana kan dubbatan hooggantuu Myanmar aung San Suu Kyi waliin ta’uun ture.

Myanmaar milkooftee arguu feena jechuu dhaan illee US gargaarsa itti dabalaa doolaara miliyoona 47 baqattoota Rohingyaf kan kennitu ta’anii gumaachaniiru. Walumaa gala US biyyattiif doolaara miliyoona 87 gumaachitee jirti.

Ann San Suu Kyi Tillerson rakkoo sanaaf beekkannaa kennuu isaanii akkasumas yaada madaalawaa qabaachuu isaanii galateeffatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG