Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Puntilaan Hokkara Kaasise


Puntland, Somalia
Puntland, Somalia

Kutaa Somaaliyaa irraa adda-baatee of bulchitu – Puntilaand keessatti filannoo geggeessame, kan gareeleen mormituu lama sirna-dhabinsa sagalee bal’aa tu keessatti mul’ate – jechuun balaaleffatanii booda, kaleessa hookkara ka’een, yoo xiqqaate namoota lama tu ajjeesame.

Kanneen dhibba hedduutti lakkaawamanii fi haala uumametti baay’ee aaran – deggertoonni paartii WADAANII, yoo xiqqaate magaalaalee sadii keessatti karaatti yaa’anii, daandiilee cufuu fi konkolaatota dhagaan tumuudhaan hojii danqanii oolan – jedhama.

Namni tokko magaalaa Hargeessaa keessatti, ka biraan immoo Buraa’oo keessatti rasaasaan dhawamanii ajjeesaman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG