Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Keeniyaa Deggartoota Hogganaa Mormitootaati Dhukaasuun Namoota Ajjeese


Poolisoonni Keeniyaa, kaleessa, deggertota hoogganaa mormitootaa – Raayilaa Odingaa, yeroo isaan konkolaataan dabran deggersa isaanii dhageessisaa turan adda-facaasuuf dhukaasee, yoo xiqqaate namoota lama ajjeese – jedhu – maddeen oduu.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, poolisoonni Keeniyaa, yeroo deggeroota Odiingaa wajjiin walitti-bu’anitti rasaasa fi gaazii imimmaansisu dhukaasaa, bishaan biifaa turan.

Odingaan gara Briteenii fi Yunaayitid Isteets-tti imalanii eega deebi’anii booda, bakka itti haasawa gochuuf jiran – jedhame – Giddu-gala magaalatti biratti wal-ga’anii – sagalee deggersaa otuu dhageessisaa jiranii – humnoonni Poolsii itti bobba’e – jedhama.

Manni-murtii Muummichi Keeniyaa, filannoo Onkoloolessa dabre geggeessame buqqisuu fi dhiisuu irratti Wixata dhufu murtii kennuuf qophaawaa jirutti, walitti-bu’insi kun uumame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG