Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantii Zimbaabuwee Rooberti Mugaabee hardha irrumaan hujii irraa buusanii namii gammachuun lafa ciruutti jira


Ummata Haraareeti pirezidaantiin isaanii hujii irraa buufate gamamchuun akkana burraaqa,Sadaasaa 21,2017
Ummata Haraareeti pirezidaantiin isaanii hujii irraa buufate gamamchuun akkana burraaqa,Sadaasaa 21,2017

Jaarsi ganna 93,Rooberti Gabirheel Mugaabee bara 1980 asitti isumatti biyya Afrikaa gama Kibbaa tana addunyaan wal hanqsiee rigee moggaatti baafatee bulchuutti jira.

Ganna 37 biyya bulchee hujii tana ammoo niitii isaa Gracve Mugabe,ganna 53ti dhaalchisfachuuf itti aanaa pirezidaantii isaa huji irraa guffate.

Waraanii biyya sunii Mugaabee seratti deebisa jedhee taankii guurratee bulchiinsa mootummaa Mugaabee marse.

Ummatii biyya suniillee ka bara hedduu ciqi jedhee hafuura baafachuu dadhabe hiriiraa karaatti yaahee akka innii irraa bu’uuf gaafate.

Paartiin Mugaabee ZANU-PF ammoo bulchaa isaanii,Mugaabee hujii irraa buufattee haaraa filatte.Mugaabee haga kaleetti innii hujii irraa bu’uu baannaan humnaan irraa buufna jedhanii paarlaamaalleen kakate.

Innii bu’uu dinnaan parlaamaan isaa Mugaabee himachuuf seera itti qixeeffatee hoteelii biyya isaanii Rainbow International Hotel jedhanitti kora taa’an.

Akka oduu himaan paarlaamaa Zimbaabuwee Jacob Mudenda koratti jiruu oduun haaraan dhufte.Oduu himaan kora jidduutti akkana jedhe;
"akka seera keeyyata 96 lakkoofsa 1 seera bulchiinsa Zimbabuweetti ka Haraaree jiru irraa hardha naan baate.Xalyaan tun ta Mugaabee ya huji irraa bu’ee jettu.”

“Ani Rooberti Gabriel Mugabe, akka keeyyata 96essootti ammuma tana hujii iraa bu’aa,” jetti xalayaan Mugaabeen hujii irraa bu’een.

Ummatii biyya sunii gammacuu lafa goosuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG