Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Qilleensa Irraan Somaaliyaa Keessatti Raawwate Shorokeessaa Galaafate


Humnootiin US mootummaa somaaliyaa waliin qindoominaan haleellaa samii irraan raawwataniin shororkeessaan tokko ajjeefamuu waaltaan ajajaa US kan Afriikaa har’a beeksisee jira.

Haleellaan sun loltoota IS irratti kan raawwatame sa’a booda sa’a sadii irratti somaaliyaa Kaaba gama bahaa keessatti ta’uu ibsi waaltaa ajajaa kun beeksisee jira.

Humnoonni US lammiiwwan USf eegumsa gochuuf humna tarkaanfii eeyama qabu fi sirrii ta’e mara fudhachuu itti fufu. Kunis kan raawwatamu AMISOM fi humnootii nageenya biyyolessaa Somaaliyaa kan duula farra shorokeessummaa waliin ta’uu dhaani.

Haleellaaleen kun shorokeessota, mooraalee leenjisaa isaaniif naannoo somaaliyaa keessaa bakka isaan dahatan irratti ta’uu ibsichi beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG