Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sodaan Volkaanoo Kan Baalii Uummata Godaansisa Sodaa Jedhu Uume


Aarii gurraachi rifaasisaan Mount Agung dachii keessaa ol ba’uu itti fufe kanatti angawoonni odola Bali kan Indooneshiyaa akeekkachiisa volcano kennanii jiran.

Angawoonni godinaa balaan volcaanoo dhaqqabuu malu gara km 10tti babal’isuu dhaan sochii kanaanis uummati kummi 100 ta’u naanoo Sanaa gdaanuu malu.

Dho’iinsi volcano sun bakka sana irraa miilii edduu irratti kan dhaga’amu ennaa ta’u belbelli ibiddaas fgootti mul’ata.

Aarii volcano Sanaa angawoonni buufata xiyyaaraa naannoo bashannanaa sana jiru akka cufan dirqisiise. Balaliin 445 ennaa dhaabatu, uummati kummi 59 imala irraa danqamanii jiru. Imaltoonni yaadd’an akeekkachiisi duraanii nuu hin kennamne jedhu.

Reuters akka gabaasetti imaltoonni Bali keessatti danqaman gara Mount Agung bakka irraa daawwatamu dhaquu dhaan dho’iinsa sana kan ilaalan ta’u dubbatu.

Baaliin bakka daawwannaa tuuristootaa Indooneeshiyaa beekamaa yoo ta’u aadaa warra Hinduu, galaana bakka bashannanaa kan qabuu fi waggaatti daawwattoota miliyona

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG