Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paakistaan Mormii Garee Islaamummaa Simatte Jechuun Qeeqamte


Walii galtee falmisiisaa mootummaan Paakistaan gareelee Islaamummaa waliin har’a irra ga’ee ministeera seera federaalaa aangoo irraa darbuun mormii aariin guute kan lubbuu hedduu galaafatee torbanneen hedduuf magaalaa galma mootummaa biyyattii raase tasgabbeessee jira.

Leellistoonni garee Tehreek e Labaik kan Khadim Hussain rizvin hoogganamu jalqaba baatii kanaa daandii ijoo gara Islaamabaaditti geessu cufuu dhaan yoo mootummaan ministeera dhimma seeraa Zahid Hamid faallaa amantii isaanii dhaabatan aangoo irraa darbe malee hookkara oofan kan hin dhaabne ta’uu akeekkachiisan.

Liigii musliim Paakistaaniin kan hoogganamu mootummaan gaaffii sana fudhatama dhabsiisuu dhaan poolisiin hiriira mormii sana akka bittimsu ajaje. Kanaanis mormitoota waliin walitti bu’iinsa uumameen naoonni torba yoo du’an kanneen 200 ta’an madaa’aniiru.

Deggertoonni Rizvi- dabaree isaanii deebii kennaniin daandii irratti ba’uu dhaan daandiiwwan gurguddaa cufan. Kaan isaaaniis kan Hamiid dabalatee manneen jireenyaa ministeerota Federaalaa irratti haleellaa raawwataniiru.

Hookkarri sun hammaachuun angawoota paakistan duula poolisiin geggeessu akka daabuu fi hoogganoota hiriira mormii Sanaa waliin akka mari’atan dirqisiise.

Walii galteen sunis Ministeera kan ta’an Hamid battala aangoo akka gad dhiisan kan gaafatu ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG