Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Faransaay Hoogganaa Burkinaafaasoo Waliin Wal Argan

French President Emmanuel Macron (C) meets residents as he leaves the Ouagadougou University after giving a speech, Nov. 28, 2017, in Ouagadougou, as part of his first African tour since taking office.

Prezidaantiin Faransaay Emmanuel Macron daawwannaa guyyoota sadiif biyyoota Afriikaatti geggeessaniin har’a prezidaantii Burkinaa Faasoo Roch Marc Christian Kabore waliin wal arganii jiran.

Mcron har’a barattoota Yuniversitiif haasaa dhageessisuun miseensota hawaasa Faransaay kan Ouaga-dougou waliin illee wal arguuf jiran.

Imalla saaniif sababaa ijoo kan ta’e keessaa nag eegumsa, dalagaa fi, dhimma qilleensa naannoo akkasumas godaantummaan hanga tokko.

French President Emmanuel Macron attends a meeting with Burkina Faso's President Roch Marc Christian Kabore at the Presidential Palace in Ouagadougou, Burkina Faso, Nov. 28, 2017.
French President Emmanuel Macron attends a meeting with Burkina Faso's President Roch Marc Christian Kabore at the Presidential Palace in Ouagadougou, Burkina Faso, Nov. 28, 2017.

Dhimmi dargaggoota Afriikaa mata duree gumii gamtaa Awrooppaa fi Afriikaa kan roobii Ivory Coast keessatti geggeessamu ta’uuf jira.

Imala isaanii jalqabaa Ghanatti geggeessaniin illee prezidaantiin Faransaay kun dargaggoota Accra keessaa waliin wal arganii imalli isaanis achumatti xumuramuuf jira.

Faransaay kanneen naannoo Saahel keessaa leellistoota Islaamummaa humnoota farra shorokeessummaa Afriikaa haaraa hundaa’an kan naannoo dabalatee Afriikaa guutummaa keessaa loltoota kuma torba kan qabu ennaa ta’u Maacron hojiin kun akka jalqabu gargaaranii jiran.

Prezidaantiin Faransaay dhimmootii misoomaa, nageenyi dhabamuu fi koolu galtoonni amma iyyuu gara Awrooppaati yaa’uu ilaalchisee dubbachuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG