Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets Paakistaan Dawwatan


Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets – Jiim Maatis, Paakistaan fiinxaalessootaa fi shororkeessota biyya keessaa jiran dhabamsisuuf tarkaanfii ishee akka dachaan dabaluu qabdu hubachiisan. Araaraa nageenyaa Afgaanistaan Yunaayitid Isteets waliin qindeessuu irratti qooda Paakistaan qabaachuu maltetti fuuleffachuudhaan kana dubbatan – Maatis.

Ministarri Ittisaa Yuynaayitid Isteets kun daawwannaa guyyaa tokkoof ka Paakitaan keessa turan yoo tahu – Islaamaabaad keessatti, Muummicha Ministaraa biyyattii – Shaahid Kihaaqaan Abbasii fi hoogganaa waraana biyyattii Jeneraal Qa'mar Jaaved Baajwaa walga’uun isaanii beekamee jira.

Miseensonni Kaabinee biyyattii ol’aanoonii fi hoogganaan tika nagaa biyyattii illee walga’ii kana irratti argamanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG